Afaan Oromoo
Baay'ina namoota dubbatu qabaachuun gaanfa Afrikaa keessatti Afaan Oromoo dorgomaa tokkollen hin qabu. Afaan Oromoo Biyyoota akka Itoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Jibuutii Sudaan fi Ijiipti keessatti ballinaan dubbatama. Afaan Oromoo baay'ina namoota dubbatanii qabaachuun akka Afrikaatti sadarkaa 3ffaa irra kan jiru yoo ta'u, Tarree Afaanota Addunyaa dhaabbanni Google yeroo ammaa ittiin hojjatuu fi tajaajila hiika Afaanii ittiin kennuu 133 ol keessaa tokko ta'u danda'ee jira.
Sirna Barreeffamaa Afaan Oromoo
Afaan Oromoo sirna barreeffamaa mataa isaa kan qabu yoo ta'u, sirna barreeffamaa kanas akkuma afaanota adunyaa biroo qubeewwan Laatinii fayyadamuun kan raawwatuudha. Afaan Oromoo afaanota biroo irraa adda kan godhu amaloota mataa isaa qaba. Amaloota Afaan Oromoo afaanota biroo irraa adda godhan keessa inni guddaa fi ijoon akkuma dubbatametti barreeffamuu isaati. Sirna barreffamaa Afaanicha keessatti Dheeressuu, Gabaabsuu, Jabeessuu, Laaffisuu, Irra-Butaa fi Hudhaa'n bu'uura yoo ta'an, Namni tokko Afaanicha barreessuuf jechoota bu'uuraa kanneen sirnaan adda baasee beekuu qaba.
Qubee Afaan Oromoo
Afaan Oromoo sirnaan barreessuuf qubeewwan 32 (qeenxee 26 fi dachaa 6) dhimma kan itti bahaniidha. Qubeewwan kuniis Dubbifamaa fi Dubbachiiftuu jedhamuun bakka gurguddaa lamatti qoodamu. Qubeewwan dubbachiiftuu Afaan Oromoo baayina lakkoofsaatin 5 yoo ta'u, qubeewwan dubbifamaa 27'n hafan tokko tokkoon isaani akka sagalee garagaraa shan qabaatan gochuuf gargaara.
Qubeewwan Dubbachiiftuu( A, E, I, O, U)
0 Comments