Header Ads Widget

About

  Waa'ee Keenya

Seensa

Yeroo dheeraf karaa Miidiyaalee Hawasaa garagaraa kanneen akka Facebook,Twitter,Telegram,Instagram fi kanneen biroo irrattii maqaa "Sagalee Barsiisotaa Oromiyaa-SBO" jedhamun odeeffannoowwan adda addaa isiniif qoodaa turuun keenya ni beekkama. Yeroo ammaa immoo Afaan Oromoo Afaan hojii Google ta'u wajjiin walqabatee nutiis isin Bashannansiisa fi Barsiisaa guddina Afaan Oromoo keessatti ga'ee akka dhuunfaatti nurraa eeggamu ba'uuf karaa blog'n dhufnee jirra. Maqaan blog keenyas maquma kanaan dura Miidiyaa Hawasaa irrattii ittiin nu beektan irraa gabaabsinee  "SBO" jenne kan mogaafne waan ta’eef isiiniis kana hubachuun maxxansa keenya hordoftanii, hiriyoota keessaniif akka qooddan kabajan isin gaaffanna.

Kaayyoo

  • Afaan Oromoo Afaan Teeknoolojii fi Barnootaa ta’ee dhalootarraa dhalootaatti akka darbuu taasisuuf.
  • Afaan Oromoo Afaan Hojii Mootummaa Feederaalaa taasisuuf dhiibbaa fi tattaaffi godhamaa jiruu keessatti gahe mataa keenya bahuuf.
  • Odeeffannoowwan haarayaa guyyaa guyyaan ba'an Addunyaa guutuu irra wallitti sassabnee uummata keenyaa biran gahuuf.
  • Odeeffannoowwan isin bashannansiisan fi isin barsiisaan isiniif dhiheessuuf qophoofne waan jirruuf nu hordoftanii yaada keessan akka nuuf laattan kabajan isin gaaffanna.

Galma

Hara Afaan Oromoo Afaanota Google irrattii hiika laatan keessa tokkoo ta’ee tajajilaa jira. Ta'us hojiin kun waan xumuramee waan hin taanef ummaanni Oromoo hundi Afaan Oromoo tarree Afaanota Addunyaa hiriirsuuf tattaaffii godhamuu keessatti gahe isaa akka ba'u waamicha dabarsaa, Yoo rabbiin fedhee galmi keenya Afaan Oromoo ummata Addunyaatiin akka Afaan dhalootaatti haasa'amu argudha.

Inni biraa dargaggootaa Oromoo karaa teeknoolojii Addunyaatti fiduudhan Afaan isaatin Bashannanaa fi Baracha akkasumaas haala Addunyaan itti jirtus hordofuun Dagaagina Afaan Oromoo keessatti gahee dhunfaa akka bahan taasisuu fi Dinagdeen Oromoo Qonnarra karaa Dijitaalaatti akka jijjiramu taasisuu keessatti gahe nurraa eeggamu bahu barbaaneeti.