Header Ads Widget

Bilbilaa Harkaa Qabnu Fayyadamun Qabxii Barattootaa Hojjachuu

 

Roostera Qabxii Barattootaa

Kanaan dura ilmii nama waan tokko hojjatee xumuruuf yeroo fi humna baayyee qisaasuu ture. Hara immoo teeknoloojiin waan hunda salphisee fiduun harka keenyatti nuuf galcheera. Mee maxxansa kana keessatti bilbila harka keenya jiru fayyadamun akkaata qabxii barattootaa ittiin hojjatamuu tartiibaan waliin haa ilaallu.


Qabxii Barattootaa bilbilaan hojjachuuf jalqaba irratti wanti nu barbaachisuu Appilikeeshinotaa Excel'n hojjachuu danda'an kanneen akka WPS Office, Office Suite fi kan biroo Play Store ykn App Store keessaa buufanne bilbila keenya irratti fe'achuu qabna. App WPS Office jedhamu kana fayyadamun tartiibaa ittiin qabxii barattoota hojjachuu dandeenyuu haa ibsinu.

1 Aappiiwwan bilbila keenya irratti fe’amanii jiran keessaa iddoo WPS Office jiru barbaanne tuquun Aappicha banuu qabna. 


2 Erga Aappicha banne booda waan haaraya ykn qabxii barattoota kanaan dura aappicha keessatti hin galmaa'ini dalaguu waan barbaannuuf mallattoo ida'uu (➕) tuquu qabna. 


3 Erga mallattoo ida'uu tuqnee booda fuula haaraya Excel banuuf SpreadSheet kan jedhu filachuu qabna.


4 Fuula haaraya irratti sanduqa gabatee lakkoofsaan baayyee ta'ee arganna.



5 Maqaa Barattootaa: Sanduqa jalqabaa keessatti maqaa barattootaa barreessuu qabna. Kana gochuuf immoo gama gubbaan qubee A erga tuqne booda akka saanduqni maqaa nuuf fuudhutti gama mirga qabnee achi siiqsu qabna. Sana booda garee kana jalatti maqaa barattootaa keenya barreessuu qabna.


6 Tarree jalqabaa keessatti Maqaa Guutuu barattootaatti aanee kan jiru keessatti gosa barnootaa qabxiin kennamuuf tokko tokkoon tarreeffachuu qabna.


7 Gosa barnotaa tarreefaman jalatti akkatuma tartiiba garee isaatiin qabxii barsiisonni nuuf kenname itti guutuu qabna.



Foormulaa Ida'ama, Avereejii fi Sadarkaa qabxii barattootaa itti hojjatamuu akkasumas Qaaccessa Qabxii Barattootaa akkamitti baasuu akka dandeenyuu maxxansa itti aanuu keessatti qabannee dhihaanna.


Cuunfaa

Walumaagalatti qabxii barattoota bilbilaan hojjachuuf appilikeeshinni Excel ofirraa qaban bilbila keenya irratti fe’achuun kan nu barbaachisuu yeroo ta’u. Ergaa Aappicha banneen booda, tarree jalqabaa keessatti Maqaa Guutuu Barattootaa, Gosa Barnootaa, Idaa'ama, Avereejii fi Sadarkaan kan barreeffamaadha. Idaa'ama, Avereejii fi Sadarkaan kan ittiin hojjetaman Formulaa of danda'an kan qaban yoo ta'u, Maqaa Barattootaa fi Qabxii Gosa Barnootaa jalatti guutamuu akkaata barbaachisummaa isaatiin guutuu qabna.

Post a Comment

1 Comments

  1. Akkuma roostara 1_4 tti kan 5_12 s telegrama irratti gadhiisakaa.

    ReplyDelete