Header Ads Widget

Aappii haaraan Meta tiwiitara fakkaatu, sa'aa torba keessatti maamila miiliyoona 10 argate

Abbaan qabeenyaa Meta, Maark Zuukerberg aappiin morkataa tiwiitar ta'a jechuun kamisa har'aa hojii eegalchiisan sa'aatii torba keessatti maamila miiliyoona 10 argachuu beeksise.

Appiin ergaa barrefamaan walitti dubbachuuf qophaaye, Threads, ergaa barreeffamaan dubbachuuf tiwiitara caala filatamaa ta'a jedhee akka abdatu Zuukarberg himeera.
Ogeeyyiin ammoo dhiyeenya kana hanga jechootaarratti daangaa kaahuu dabalatee jijjirama tiwiitar hojiirra oolcheen maamiltoota hin gammadne ofitti waammataa tilmaama jedhu qabu.
Aappii haaraan Meta, Threads, hanga qubee(Characters) fayyadamanii barreessuu danda'anii 500 godheera. Bifiyyeen (feaures) isaas kan tiwiitariin walfakkaata.
Aappii kana namaaf akka mijatu gochuu yoo danda'an milkaa'ina isaanii akka ta'u dubbateera Zuukarberg.
Abbaan qabeenyaa tiwiitar Eloon Maask hojii eegaluu aapii haaraa kanaan walqabatee yaada kenneen Inistaagram irratti gammachuu dhugaa hin taane argachuurra, tiwiitara gubbaatti nama hin beekneen miidhamuu wayya'' jedhe.
Zuukarberg Threads, tiwiitara caala guddaa ta'aa jedhamee yoo gaafatamu aappiin ittiin walitti dubbatan gabaa biiliyoona tokkoo ol qaba. Tiwiitarri carraa kanatti hin fayyadamne. Nuti itt fayyadamuuf abdanna'' jedhe.
Aappiin kun ammaan tana biyyoota Gamtaa Awurrooppaa osoo in dabalatiin biyyoota addunyaa 100 keessatti daawunlood godhamuu danda'a.
Bifiyyee isa jalqabaa
Feesbuukiifi Inistaagiraamii kan dhuunfatu Meta, aappii isaa amma gadhiise kanaan ''bifiyyee isa jalqabaatii'' jedheera. Boodarra aappii kanaan namoota miidiyaa hawaasaa kan biraa akka Mastodon irra jiran waliin dubbachuun akka danda'amu ni godhama jedha.
''Abjuun keenya Threads wanta Inistaagiraam irratti milkaahina ta'e fuunee barreefama irratti babal'isuudha'' jedhe dhaabbatichi aappii kana gadhiisuu dura ibsa baaseen.
Aappiin haaraan kun kophaadhuma isaa kan hojjechuu danda'u ta'us, akkaawuntii Inistaagiraamii ofiinis galuuf hayyama ni kenna. Piroofaayilii Inistaagiraamiirra jiru kan qoddatu yoggaa ta'u, madaqsanii haaraa gochuufis filannoo ni qaba.
Namootni Threads fayyadaman amma dura akkaawuntiiwwan Inistaagiraam irratti hordofaa turan akka hordofan yaada ni dhiyeessa. Appiin kun akkaawuntiiwwan Inistaagiraamii Piraayivet gochuun, kan Threads ammoo banaa gochuufis filannoo ni kenna.
Meta'n aappii isaa haaraa kana kan beeksisaa jiru wayita dhaabbatichi nageenya maamiltootaa irra fayidaa caalchifata jedhamee qeeqamaa jirutti.
Meta'n dhaabbata biraa qacaree odeeffannoo dhunfaa maamiltoota Feesbuuk sassaabe jechuunis qeeqamaa ture.
Threads akkamiin hojjeta?
Threads irratti wanti maxxanfamu Inistaagiraam irrattis ni qoodama. kan Inistaagiraamis akkasuma gara Threads ni deema. Wanti maxxanfamu hidha (links), suura, fi Viidiyo hanga daqiiqaa shanii dabaalu danda'a.
Fayyadamtoonni maxxansaalee haaraa namoota hordofaniifi akka hordofan yaadni dhiyaatuufiiti. Dabalataan ammoo naama maxxansa isaa keessatti isaan eeru godhu to'achuu danda'u. Yaada maxxansaaf kennamu seecca'uun akka danda'amus filannoo ni qaba.
Akkaawuntiiwwan unfollow, block, restrict gochuus ni dandeessisa.
Bifi aappii kana akan tiwiitaraan waan walfakkaatuuf ''tiwiitar killer'' jechaanii jiru.

Post a Comment

0 Comments