Header Ads Widget

Gaazexeessituu Aljaziiraa kan ajjeese rasaasa humnoota Israa'eli jedhe UN

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajirri Mirga Namoomaa gaazexeessituun Aljaziiraa humnoota waraanaa Israa'eliin malee kan Paalistaayiniin hin ajjeefamne jedhe.

Waajjirri kun ajjeechaa gaazexeessituu gameettii Aljaziiraa Shireen Abu Aqlaa kan lola Paalistaayiniifi Israa'eel osoo gabaastuu Caamsaa 11 ajjeefamte qorateera.

Dubbii himtuun waajjirichaa bu'aa qorannoo walabaa gaggeefameen kan bira gahame Abu Aqlaan humnoota Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneessa jedhan.

Abu Aqlaan opireeshinii waraanaa Israa'el Weestibaankitti gaggeessitu osoo gabaastuu ajjeefamuun ishee dheekkamsa kaasee, dubbii guddaa ta'ee ture.

Paalistaayin qorannoo gaggeessiteen gaazexessituun kun dhukaasa humnoota Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneessuus Israa'eel bu'aa qorannoo kana fudhatama dhabsiifteetti.

Naannoo muddamni guddaan barootaaf itti fufe kanatti muuxannoo gaazexeessummaa guddaa kan qabdu dhalattuun Paalistaayin lammii US taate kun yeroo ajjeefamtetti ittisa rasaasaa ofirraa barreefama 'Press' jedhu uffattee ture. Mataattis haguuggii sibilaa qabdi ture.

Abu Aqlaan bakka humnoonni Israa'el itti duulan Jeniin jedhamutti warra Paalistaayin waliin walitti dhukaasa godhamu keessa rasaasaan rukutamte.

Israa'eel haaltus kanneen ijaan argan gaazexessittiin rasaasa humnoota Israa'eliin ajjeefamte jedhanii turan.

Israa'el rasaasa gaazexessittii galaafate Paalistaayin qorannoof akka kennituuf gaafattus didamuu isheetiin badii humnoota ishee ta'uu fudhachaa hin jirtu.

Qorannoon waloon akka gaggeefamus gaaffiin dhiyeessite hin milkoofne.

Bu'aan qorannoo UN

Jeneevaa irraa gaazexessitootaaf ibsa kan laatan Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaa UN'tti dubbii himtuu kan ta'an Ravinaa Shamdaasanii ''rasaasni Abu Aqlaa galaafateefi waahila ishee Alii Samuudi madeesse kan dhukaafame humnoota nageenyaa Israa'eliin'' ta'uu bira gahameera jedhan.

''Akka Israa'el himattu dhukaasa osoo adda hin foyiin humnoonni Paalistaayiin dhukaasaniin mitis jedhaniiru.

''Aang'aoonni Israa'eel yakka kana qorachuu dhabuun isaanii akkaan nama jeeqa.''

Odeeffannoon qorannoo isaanii kanaa humna waraanaa Israa'eliifi waajira Abbaa Alangaa Paalistaayin irraa akka argames dubbii himtuun kun dabalanii himaniiru.

Haala ta'ii kan ibsu yeroo qoratan ''rasaasni qenxee qeenxeen kan xiyyeeffannoon dhukaafaman fakkaatan gara gaazexeessitoota afuriitti kallattii humnootni Israa'el qabatan irraa dhukaafamuun beekameera,'' jedhan.

''Rasaasni qeenxeen gateettii Alii Samuudi dhooftee madeessite, rasaasni qeenxeen biraan ammoo Abuu Aqlaa mataarra dhooftee yeroosuma ajjeefte.''

Israa'eel bu'aa qorannoo Paalistaayiniin kan mirkaneeffamuu hin dandeenye jechuun busheessituus, humni waraanaa biyyatti qorannoo mataa isaa gaggeessaa akka jiru ibseera.

Israa'el meeshaa rasaasa san dhukaase adda baaftus rasaasa gaazexeessituu san ajjeese argachuun eenyu akka dhukaase baruu feetus, aanga'oonni Paalistaayiin Israa'eliin hin amannu jechuun rasaasicha kennuu didaniiru.

Shamdasaaniin dhiyeenya gaazexeessituu ajjeefamteetti humnoonni Paalistaayin jiraachuu odeeffannoo agarsiisu akka hin argannes dubbataniiru.

Paalistaayin qorannoo ji'a darbe gaggeessiteen Abu Aqlaan rasaasa loltuu Israa'eliin ajjeefamte jechuun qorannoo isaa yoo goolabu, Israa'el kijiba jechuun fudhachuu didde

Post a Comment

0 Comments