Ibsi Baankii Biyyaalessaa kun karaa miidiyaalee biyya keessaa kan darbe yoo ta'u, akeekkachiisa isaa kanaan kiriptoo kaaransii fayyadamuun daldala gaggeessuun seeraan ala waan ta'eef hawaasni gocha akkasiirraa of haa eegu.
Kiriptoo kaaransiin maali
Gabaabumatti kiriptoo kaaransiin maallaqa karaa dijiitaalaa daddarbu kan qaqqabatamuu hin dandeenye jechuudha.
Kitaabni hiika jechootaa (dictionary) Oksifoordi 'Kiriptoo Kaaaransiin' nageenyummaa waljijjiirraa maallaqaa kan mirkaneessu, gosti maallaqaa biyyoonni fayyadaman akka hin heddummaanne kan gargaaru, daddarbuu maallaqaa kan mirkaneessu akka ta'etti hiika.
Kiriptoo kaaransiin mala daddabarsa maallaqaa (daldalaa) karaa dijiitaalaa gaggeeffamu, kan teeknooloojii kiriptoogiraafii jedhamu fayyadamuun daldala nageenyummaansaa mirkanaa'e ittiin gaggeessan ta'uu hiika galmeen jechootaa kun.
Yeroo ammaa gosti kiriptoo kaaransii hedduudha. Isaan keessaa Bitcoin, Ethereum, Cardano fi Dogecoin isaan akkaan beekamaniidha.
Kiriptoo Itoophiyaatti
Baankiin Daldalaa har'a ibsa karaa FBC dabarseen, yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti namoonni daldala Kiriptoo Kaaransii akka Bitcoin fayyadamuun oomishaalee daldalaa akkasumas tajaajilaaf itti fayyadamaa jiraachuu eereera.
Baankichi kana jedhus Itoophiyaa keessatti meeshaalee bituu fi gurguruus ta'ee tajaajila argachuuf dhaabbileen Kiriptoo Kaaransii fayyadaman jiraachuu fi dhibuu wanti ifa ta'e hin jiru.
Baankiin kun daldalli dijiitaalaa akkanaa biyyattii keessatti akkaan babal'achaa jiraachuu kaasuun, kunimmoo seeraan ala ta'uu akeekkachiise malee eenyufaatu Kiriptoo kaaransii fayyadame kan jedhu hin ibsine.
Yeroo ammaa biyyoota hedduu keessatti kiriptoo kaaransii fayyadamuun gurgurtaa meeshaalee akkasumas tajaajila kennuun biyyoota addunyaa hedduu keessatti baratameera.
Maayikiroosooft, Neeypaal, akkasumas jaarmiyaa geejjibaa Eeksipeediyaa dabalatee jaarmiyaalee maallaqa miiliyoona hedduu sochoosan irraa hanga hoteelotaa fi kaaffeewwan xixiqqootti Bitcoin fudhataa jiru.
Rippaabilika Afrikaa Giddu-galeessaa fi Eel Saalvaadoor dhiyeenya kana Bitcoin'dhaan daldaluuf seera qabeessummaasaa mirkaneessaniiru.
Kana jechuun biyyoota biroo, keessattuu biyyoota lixaa biratti seeraan aladha jechuu miti.
Biyyoonni akka Booliviyaa, Chaayinaa, Iraan fi Kolombiyaa garuu Bitcoin irratti dhorkaa kaa'aniiru yookiin ammoo seeraan ala jechuun labsaniiru.
0 Comments