Afrikaan Ardiiwwan Torbaan Addunyaa irrattii argaman keessa baay’inaa uummata fi bal’ina lafaatiin Ardii Eeshiyaatti aantee sadarkaa lammaffaa irrattii argamti.Ardiin Aafrikaa bal’ina lafa iskuweer Kiilomeetira miliyoona 30.3KM^2 irrattii qubattee argamti. Baay’inni uummata ardii kana irra jiratuu namoota Biliyoona 1.216 yoo ta'u, Ummaanni kunis Afaanota garaagara 2000 ol dubbatu.Ardiin kun yeroo ammaa Biyyoota 54 kan qabduu yoo ta'u, Afaanota saba xixxiqaa dabalatee Afaanota 2000 ooltu keessatti dubbatamaa jira.Haa ta'u malee Afaanonni hedduun namootan muraasa qofan waan dubbatamaniif magaalota fi naannooo muraasa qofatti daanga'ee kan beekamuudha.
Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa kanneen tarree dura irrattii argaman 10'n fillachuun hunda isa akka armaaan gadiitti qindeessudhan ibsineerra.
1 Afaan Arabaa
Afaan Arabaa Afaanota maatii Seem jalattti ramadaman keessa tokkoo yoo ta'u,Afaanota Addunyaa irrattii hedduuminaan dubbataman 5 keessa isa tokkoodha. Afaan Arabaa Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa tokkoo yoo ta'u, Biyyoota Kaabaa Afrikaa jiran keessatti guutummaatti Afaan Waliigaltee fi Hojii ta'un tajajilaa jira. Kaabaa Afrikaan alattis Afaan Arabaa biyyoota Afrikaa hedduu keessatti ni dubbatamaa. Sababni isa Ardiin Afrikaa namootan Amantii Islaamaa hordofan hedduuminaan of keessa waan qabuuf, Afaan Arabaa biyyoota hedduu keessatti akka dubbatamuu taasisee jira.
Walumaagalatti Afaan Arabaa Ardii Afrikaa keessatti tilmaaman namootan miliyoona 160 oliin kan dubbatamu yoo ta'u,Caalmaatti biyyootaa akka Ijiipti, Jibuuti, Aljeeriyaa, Chad, Comoros, Morokkoo, Liibiyaa fi Mauritania keessatti ni dubbatama.
2 Afaan Swahili
Afaan Swahili "Kiswaahilii" jedhamun ni beekkama. Afaan Kiswaahilii Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa isa tokkoodha. Afaan Kiswaahilii Afaan sababaa daldalaatiin Afrikaa Kibbaa keessatti Uumamee yoo ta'u, Kibbaa Afrikaa, Bahaa Afrikaa fi Giddu-galeessa Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbatama.
Walumaagalatti Afaan Kiswaahilii Afrikaa keessatti tilmaman namootan miliyoonaa 150 oliin kan dubbatamuu yoo ta'u, Biyyootaa kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Tanzaniyaa, Keniyaa, Ugaandaa, Burundii, Mozaanbik, Ruwaandaa fi Koongoo keessatti Afaan Hojii ta'un tajajilaa jira.
Biyya Taanzaniyaa keessatti Afaan Kiswaahilii guutumaatti Afaan Hojii fi Barnootaa ta'un tajaajilaa jira.
3 Hausa
Afaan Hausa Afaanota Hojii Mootummaa Biyya Naayjeeriyaa keessa isa tokkoodha. Afaan kun Afaan saba akka Naayjeeriyaa fi Afrikaatti guddinaan sadarkaa tokkoffaa ta’ee Afaan saba Hausa yoo ta'u, Biyya Naayjeeriyaan alattis biyyoota akka Beenin, Burkinaa Faasoo, Kaameruun, Chaad, Nigeer fi Toogoo keessatti ni dubbatamaa.Afaan Hausa qubee Bookoo fi Laatinii fayyadamuun kan barreeffamudha.
Walumaagalatti Afaan Hausa namootan Miliyoona 50 oliin kan dubbatamu ta’unsaa Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa kurnan keessa tokkoo isa taasisee jira.
4 Afaan Oromoo
Sabnii Oromoo Itoophiyaa keessatti guddinaan sadarkaa tokkoffaa irrattii kan argamuu yoo ta'u, Akka Afrikaatti immoo saba Hausaatti aanee sadarkaa lammaffaa irrattii kan argamuudha. Afaan Oromoo hundeen isaa maatii Kuushi kan ta’ee saba guddaa Oromoo kana yoo ta'u, Biyyoota kanneen akka Itoophiyaa, Keeniyaa, Suudan, Soomaliyaa fi Ijiipti keessatti kan dubbatamudhaa.
Walumaagalatti Afaan Oromoo tilmaman namootan Miliyoona 45 oliin kan dubbatamuu yoo ta'u, kun immoo Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman kurnan keessa tokko isa taasisee jira.
5 YORUBA
Yoruba'n Afaan saba guddaa Afrikaa Yoruba jedhamuuti. Afaan Yoruba Afaan Afrikaa Lixaa keessatti hedduuminaan dubbatamudhaa. Afaan Yoruba Biyya Naayjeeriyaa dabalatee biyyootan akka Beenin fi Toogoo keessatti tilmaman namootan Miliyoona 30 oliin Afaan dubbatamudha.Kun immoo tarree Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbatamanii keessa tokko isa taasisee jira.
6 IGBO
Afaan Igbo Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa tokko yoo ta'u, Biyyotaa akka Kaameruun fi Ikuwaatoriyaal Giinii keessatti tilmaman namootan miliyoona 20 oliin kan dubbatamudhaa. Namoonni Afaan Igbo dubbatan hedduun isaani Afaan Ingilizii dabalatee Afaanota lama dubbachuu kan danda’anidha. Afaan kun loogaa Owerri, Eche fi Centeral Igbo jedhaman dabalatee loogaa dhunfaa 20 olii kan qabuudha.
7 Afaan Amaara
Afaan Amaaraa Afaan Itiyoophiyaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa isa tokkoodha. Afaan Amaaraa Itoophiyaa keessatti tilmaman namootan miliyoona 20 oliin kan dubbatamudha. Afaan kun Afaanota maatii Seem jalattti kan ramadamuu yoo ta'u, Afaan Amaaraa Afaanota Hibruu, Tigree fi Kanneen biroo dabalatee Afaan maddii isaani biyyoota Baha Giddu-galeessa ta’aniidha.Afaan Amaaraa afaanota maatii Seem keessa Afaan Arabaatti aanee sadarkaa lammaffaa irrattii Afaan namootan hedduun dubbatamudha. Afaan Amaaraa qubee gi'iizi qubeewwan biroo irraa adda ta’ee kan 'Fidel' jedhamee beekamu fayyadamuun barreeffama.
8 ZULU
Zulu'n garee Afaanota Bantu jalattti ramadaman keessa isa tokkoodha.Zulu'n Afaan Xhosa fi Ndebele jedhaman wajjiin baayyee walfakkeenya qaba. Afaan kun Afrikaa Kibbaa keessatti hedduuminaan dubbatama.Tilmaman namoonni miliyoona 10 ol Afaan Zulu kana ni dubbatu.
9 SHONA
Afaan Shona Afaan biyya Zimbaabiwee keessatti hedduuminaan dubbatamudha.Tilmaman namoonni miliyoona 10 ol biyyattii keessatti Afaan Shona dubbatu.Afaan Shona loogaa gurguddaa sadii kanneen maqaan isaani Karanga, Zezuru fi Korekore jedhaman qaba.Sirni barreeffama Afaanicha qubee Laatinii fayyadamuun kan barreeffamudha.
Walumaagalatti Afaanonni armaaan olitti ibsinee kunnin Afaanota Afrikaa keessatti namootan hedduun dubbatamanidha.Haa ta'u malee Afaanonni sababaa Koloniin babal’atan fi Afrikaa keessatti namootan hedduun dubbataman ni jiruu. Fknf: Afaan Faransaay biyyootan ardittiin qabduu 26 keessatti namootan miliyoona 120 oliin dubbatama jedhamee yaadama. Baay’inni namootan isa dubbatanii hanga Afaan Faransaay hedduu ta'u baatus Afaan Ingilizii fi Porchugaal Afaanota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbataman keessa isaan tokko jedhamun bekkamu.
0 Comments