''Gurraacha Afrikaa, ilma Oromoo tahee dorgommii buunyaadhaan[boxing] Shaampiyoonaa Awurooppaa tahuunkoo hedduu na boonse,'' Gabri'eel Doosen.
Gabri'eel doosen jedhama.Hiddi dhalootaa isaa Itoophiyaa uummata Oromoo irraa yoo tahu, lammii Ayerlaandidha.
Tibbana dorgommii buunyaa [boxing] akka Awurooppaatti Armeeniyaatti qophaa'e irratti gahumsa ajaa'ibsiisaa agarsiisuun xumuraaf dhaqqabee lammii Ingiliz mo'achuun medaaliyaa warqee argate.
''Ilmi koo anaaf maatiikoo qofa osoo hin taane uummata Oromoo hundaafi gurrachota Afrikaa hundaa boonse. Shaampiyoona Awurooppaa tahuun isaa miira addaa qaba,'' harmee dargaggoo Gabri'eel Aadde Misiraaq Tasfaayee.
Obboleettiin risaa Iiv Doosen ammoo ganna 17 tahuun garee kubba miilaa biyyaalessaa Ayerlaandi umurii 19 gadiif filamteetti.
Gabri'eel dorgommii buunyaa Armeeniyaatti qophaa'e irratti Ayerlaandi kan bakka bu'e yoo tahu, jalqaba morkataa isaa lammii Ispeen mo'ate, itti aansee lammii Bulgaariyaa, xumuraaf darbuuf ammoo lammii Noorwey injifate.
Xumura irratti kan wal argan lammii Ingiliz Luwis Riichardisan waliin yoo tahu, Gaabiin gahumsa ol aanaan injifatee shaampiyoonaa tahe.
Gabri'eel dargaggoo ganna 22ti. Garee biyyaalessaa Ayerlaandi bakka bu'uun dorgomee shaampiyoonaa Awurooppaa tahuu isaan ija miidiyaalee ardii Awurooppaa hedduu harkiseera.
''Amma ani dorgommii buunyaadhaan shaampiyoonaa Awurooppaati. Garuu gaafan mo'adhu amanuudhaaf yeroo xiqqoo natti fudhateera, Gurraacha lammii Ayerlaandi tahee dorgommii kana gaafan mo'adhu hedduun boone, miira isaa ibsuun baay'ee ulfaata'' jedhe.
Aadde Misiraaq Tasfaayee gaafa dorgommichi banamu taphichi kan eegale Gabri'eeliin waan taheef lammiin Ayerlaandi hunduu eegaa turan.
Yeroo inni mo'atu akka guutuu biyyaatti gammachuu guddaa ture jedhan.
Afrikaa hanga Shaampiyoonaa Awurooppaa
Gabri'eel abbaa isaa lammii Laayibeeriyaa tahee fi harmee isaa dhalattuu Itoophiyaa taate Misiraaq Tasfaayee irraa Ayivoorikostitti dhalate.
Harmeen isaa baqattummaan biyyicha keessa waan turteef yeroo umuriin isaa waggaa lama guutu ammoo gara Ayerlaandi deeman.
Yeroo umuriin isaa waggaa sagal guutu ispoortii buunyaa shaakaluu kan jalqabe Gabri'eel ganna 16tti dorgommii guddattootaaf Ayerlaandiif filatamee Landan irratti dorgomeera.
Bara 2019 dorgommii buunyaa biyyaalessaa Ayerlaandi irratti dorgomuun injifatee shaampiyoonaa biyyichaa tahe.
Gabri'eel buunyaa dhiitichoo [Kick Boxing] jalqabe. Kubba miilaas taphataa ture. Garuu yeroo ganna 16 tahe buunyaadhaan garee biyyaalessaa Ayerlaandiiif filame.
Bara 2019 dorgommii buunyaa akka biyyaalessatti Ayerlaandi irratti gaggeeffame mo'achuun biyya isaa bakka bu'e.
Gabri'eel kilaba buunyaa keessatti qabamuun akka shaakalu hima. Leenjisass qaba. Garee biyyaalessaa Ayerlaandi waliin ammoo Facaasaatii hanga Jimaataa shaakala hojjeta.
Aadde Misiraaq Tasfaayee ijoollee shan qabu. Gabiri'eel mucaa jalqabaa isaaniiti. Aren Doosen ammoo Goolwaw magaalaa jedhamuuf kubba taphata.
Kilabni biyya Ingilizii Chelsiin taphattoota guddattootaaf mallatesisuuf waamee ture.''Anis waliin deemuu waan qabuuf ijoollee kaan dhisee deemuu hin dandeenye.
Ijoollee kaaniif jedheen hafe. kanaaf asitti hafe. garuu magaalaa asiif waan taphatuuf carraa ni qabaata jedheen yaada,'' jedhan Aadde Misiraaq.
Maatii isaanii keessaa mucaa isaanii dubaraa Iiv jedhamtus amma ganna 17 yoo taatu kubba miilaan milkaa'aa jirti. Iiv garee biyyaalessaa Ayerlaandi umurii 19 gadiif filatamtee jirti.
kilabni biyya Iskootilaandi fudhachuuf gaafatee akka ture himan Aadde misiraaq. Garuu barnoota akka xumurtuuf jedheen ammaaf dide jedhan.
Dandeettiin gabri'eel qabu ammoo buunyaa qofa osoo hin taane bishaan daakaatiinis dorgomaa ture.
Kubba miilaa irrattis dandeettii guddaa akka qabu kan himamu Gabri'eel tewkaandoodhaanis hanga qabattoo gurracha argatutti gaheera.
Harmeen isaanii Aadde Misiraaq ''guyyaa torba guutuu makina keessa oollee bulla. Makiinaan koo akkuma manaati jechuun ni danda'ama.
Guyyaa barumsa oolu. Achi geessee deebisee nan fida. Sana booda ammoo gara shaakala geessa. Torban lamaan ammoo dorgommiif gara naannolee biraan geessa. Anis isaan guddisuuf hojiin deema. Jireenyi keenya haala akkanaan deema.''
Gabari'eel injifannoo kana irra gahuuf shaakalaaf dorgommii waggoota kudhanii olii gaggeesseera.
Bu'aa dadhabbii isaanii arguuttis maatiin hedduu gammadaniiru. ''Baay'een gammade, gatii guddaa irratti baasnee ture.
Miira yeroo sanaa ibsuun natti ulfaata. Bo'ichi gammachuus ture. Uummatni Oromoo miliyoona 60 osoo jiruu qofaakoo yeroon simadhu natti dhagahameera. Osoo biyyakoo keessatti tahe jedheen yaade,'' Aadde Misiraaq.
'Ofii laaftee ijoolleekee jabaadhaa jechuun ni ulfaata'
Harmeen ijoollee kanneenii Aadde Misiraaq Tasfaayee ijoollee isaanii hundaa qofaa guddisuu erga jalqabanii waggaa 11 tahuu himan.
''Abjuu ijoolleekoo milkeessuuf halkaniif guyyaan hojjedha. Takka takka maashini tahuuf nama tahuukoon yaada. Ofii laafte ijoollee jabaadhaa jechuu hin dandeessu. Hojjettee ijoolleekeetti agarsiisuu qabda.
Akkuma namni araada dhugaatiif nyaataa qabaatu araada hojiis qabaachuu qabda,'' jedhan.
Deeggarsa mootummaa biyyichaa akka hin qabne kan himan Aadde Misiraaq biyyicha carraa gaariin waan jiruuf hojjettee bakka yaadde gahuu dandeessa jedhu. Gabri'eel bakka biraa taa'ee waan baratuuf mana kirayi dabalatee baasii isaa hundaa hojjedhen gargaara jedhan.
Aadde Misiraaq biyya Ayerlaandi keessa uummatni Oromoo hedduun akka hin jirre dubbatu. Ijoolleen isaanii erga dhalatanii of baranii mana barumsaa fi shaakala irratti akka dabarsan himu.
Uummata Oromoo argatanii waliin dubbatan hin arganne. Isaan miti aniyyuu waggaa 20 as turee Afaan Oromoo na harkaa baduu gahee ture.
Yerooma waliin teenyee dabarsinu illee hin arganne. Kanaaf afaan Oromoo dubbachuu hin danda'an. Garuu Oromummaa isaanii sirriitti beeku jedhan. ''Konkolaataa keessa osoo rafaniiti kan shaakala tokko kan biraatti deemaniyyuu. Ijoolleen koo ijoollee Oromoo hundaati.''
Gabri'eel hiddi koo Oromoo irraa waan taheef yeroo tokko deeme daawwachuu barbaada jedha.
Gabri'eel Olompikii Tookiyoo dursee miidhamuun akka irraa hafe dubbatee Olompikii dhufu irratti hirmaachuuf ammoo gamanumaan akka of qopheessaa jiru hime.
0 Comments