Waancaa Pirimiyeer Liigiifi Chaampiyeens Liigii barana waan dhabeef Liivarpuul turuu dhiisuu danda'a osoo jedhamuuti kana kan galmeesse.
Gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023'f taasifamuun guyyaa Sambataa Beeniin waliin kan taphatte Senegaal galchii 3fi 1'n injifatte. Galchii sadanuu Saadiyoo Maaneetu galche.
Kanaanis, Maaneen tapha 86 irratti galchii 31 galchuun seenaa kana dura Henrii Kamaaraan biyya isaa Senegaaliif galmeesse caaluu danda'eera.
Taphataan ganna 30 kuni waliigalteen inni Liivarpuul waliin qabu waggaa tokko qofatu hafe.
Gara Baayer Muunik imaluu danda'a jedhamee haasa'amaa jira.
Taphicha dura waa'ee gorsa lammiilee Senegaal miidiyaa hawaasummaarra mul'ate akka dhagahu qoosee ture.
''Lammiileen Senegaal 60-70% ta'an akkan Liivarpuul gadhiisee bahu barbaaduumi? Waan jedhan nan raawwadha,'' jechuun Maaneen deebise.
''Hin yaadda'iinaa. Fagoo miti. Amma arguuf jirtu. Rakkoon hin jirtu,'' jechuun hime.
Maaneen tapha kaleessaa irratti galchii jalqabaa penaalitiidhaan erga galchee booda galchii lama taphaan galche.
Senegaal yeroo jalqabaaf barana ture Waancaa Afrikaa kan fudhatte. Kana keessattis gaheen Maane olaanaa ture.
Jarri Senegaal maqaa masoo Leencota Teraangaa jedhamuun waamaman qabxii sadiin dursaa jiru. Gaafa Kamisaa qixa kan bahan Madagaaskaariifi Ruwaandaan qabxii tokko tokko qabu.
Senegaaliin kan mo'amte Beeniin qabxii homaatuu hin qabdu.
Tapha biroon Maaliin Koongoo-Biraazaavil yoo mootu, Aljeeriyaa, Gaabon, Mooritaaniyaafi Gaambiyaaniis injifataniiru.
Taphoonni biroo kaan taphatamaniis jiru.
Itoophiyaanis guyyaa har'aa Maalaawwii waliin taphatti. Itoophiyaan waan dirree sadarkaa isaa eeggate dhabdeefi Maalaawwiifi Masrii dirreen ala Maalaawwiitti kan morkattu.
0 Comments