![]() |
Hundeessaa Dhaabaa |
Hundeessaa Dhaabaa, yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataa baawoomeedikal injinariingiiti.
Kalaqa dhukkuba narvii miilaa ykn madaa’uu miilaa kan dhukkubsattoota sukkaaraarratti uumamu dursee adda baasuun osoo sadarkaa cimaarra hin geenye yaaluuf oolu kalaqe. Kanaanis badhaasa Toores Goodaal bara 2022 argate.
Hayyuun kunis hojii kalaqaa kana hiriyootasaa jaha waliin ta’uun hojjechuu dubbata. Bara kana dhukkubni sukkaaraa rakkoo mana nama hedduu seenaafi haala yaaddessaa ta’aa dhufuu himu oggeessi kun.
Kalaqni amma isaan kalaqan kun garuu, keessumaa rakkoo dhibee naarvii miilaa dhukkubsattoota sukkaaraa mudachuun hanga sadarkaa miila kutuutti geessuu danda’u yaaluuf kan ooludha.
Yeroo hedduu dhukkubsattoota sukkaaraa irratti rakkoolee fayyaa kan akka dhibee kalee, ijaafi narvii miilaa akka mul’atan dubbatu Hundeessaan.
“Dhibeewwan kunneenis yoo yeroodhaan wallaansa hin arganne gara rakkoo yaalamuu hin dandeenyeetti geeddaramuu danda’an,” jedhan.
Haata’u malee yeroo hedduu namoonni sukkaara dhukkubsatan tokko tokko erga dhukkubbiisaanii sadarkaa yaalaarra darbee booda gara mana yaalaa waan dhufaniif, yaaluuf cimaa ta’uu himu.
Waa’ee meeshaa kalaqanii kan ibsaniittis, ‘‘Namni tokko maashina kanarra dhaabachuun dhiibbaa dhiigaa (blood pressure) fi hoo’insa qaamaasaa (body temperature) torbee lamaaf safar. Isaan booda, ulaagaa (standard) kaa’amerratti hundaa’uun meeshichi rakkoo jiraachuufi dhiisuu nutti hima,’’ jedhu.
Maashinichi mala yaala ifaa (light therapy) jedhamuun miilarratti ifa gadhiisuun, dhibee narviitiin qabamuu ykn bilisa ta’uu adda baasa jedhan.
Meeshaan kun dhibeen jiraachuufi dhiisuu adda baasee qofa kan dhaabatu miti kan jedhan Hundeessaan, ‘‘yoo dhiibeen narvii irratti argame ifa diimaa miila dhukkubsatu sanrratti gadhiisuun yaaluun fayyisuu gargaara,’’ jechuun BBC’tti himan.
Miidhamuun narvii miilaa rakkoo fayyaa cimaa kan ta’us erga madaa’ee booda. Muudannoon akkasii kunis gara tarkaanfii miila kutuutti geessuu danda’as jedha.
“Kalaqni keenyas osoo narvii miilarra miidhaan hin gahiin, rakkinni fayyaa akkasii jiraachuufi dhiisuu adda baasuun kan yaaludha,” jedhan Hundeessaan.
Garaagarummaa Teknoloojii Walfakkaatoo Duraanii Irraa Qabu
Teekinolojii walfakkaatan duraan jiraachu himu Hundeessaan. Haata’u malee kan isaani kun hir’inoota duraan turan erga hiriyoota saanii waliin adda baasanii booda kalaqa fooyya’aan asi bahu himu.
Qorannichas jornaalii idil-addunyaa beekamaa Irish Journal of Health Sciences jedhamurratti maxxansuu fi qorattoonni hedduun fudhatama argachu himu.
Teeknolojiin duraan ture dhibeen naarvii miilaa adda baasuuf kan qoratu meeshaa tokko yoo ta’u, kan yaaluu ammoo meeshaa biraa ta’uu himuun, “kalaqni keenya garuu fayidaa lamaanuu bakkuma tokkotti kennuu danda’a,” jedha Hundeessaan.
Akkasumas, teknolojiin duraatiin dhibeen narvii miilaa jiraachun wayita qoratamuutti, dhiibbaa dhiigaa ykn hoo’ina qaamaa adda addaatti safaruun kan jedhu qorataan kun, “kalaqni keenya garuu malawwan lamaanu walitti fiduun si’uma tokkotti (simultaneously) akka hojjetanitti taasise,” jechuun fooyyee kalaqichaa himu.
Maashinni wayita gabaarra ooluutti birri 1000-2000n bitachuun namoonni manasaaniitti itti fayyadamuu akka danda’an hima Hundeessaan. Kanaanis sharafa alaa maashinii kana biyya alaatii galchuuf oolu hambisuun diinagdee biyyaatiif ni gumaata jedha.
Ammattis kalaqichi sadarkaa agarsiisa dursaa (prototype) irra jiraachuufi gara sadarkaa oomishaa (product level) akka gahuuf irratti hojjechaa jiraachuu isaa himeera.
![]() |
Kalaqa Hundeessaa Dhaabaa |
Beekamtii fi badhaasa kalaqichi argate
Inistiituutiin qorannoo Armaawor Haansan (Armauer Hansen Research Institute), waggaa waggaan namoota fayyaarratti qorannoo geggeessan dorgomissuun dhumarratti namoota sadii badhaasa.
Badhaasni kunis qorataan lammii Noorweey Dr. Tooree Goodaal, kan qorannoo isaatiif biyya Taayilaand irraa badhaasa argatee tureen eegalameedha. Innis erga badhaasicha argateen booda, maaliifan Itoophiyaatti namoota fayyaarratti qorannoo hojjetan dorgomsiisuun hin badhaasu jechuun kan jalqabamedha.
Haaluma kanaani egaa Hundeessaa fa’is wayita dhaabbatichi beeksisa baaseeti dorgomuun, dhumarratti beekamtiifi badhaasa maallaqaa argachu kan danda’an. ‘‘Badhaasa maallaqaa muraasa, meedaaliyaa warqeefi waraqaa ragaa argachuun keenya nu gammachiseera,’’ jedhan.
Hunda dura rakkooleedhuma naannootti argaman irraa ka’uun furmaata barbaachuuf hojjataa akka jiran kan dubbatu Hundeessaan, kanaan duras rakkoo fayyaa haadha warraasaa tibba dahumsaatti mudaterraa ka’uun mala kalaqeefi isas dhiheenyatti uummata biraan gahuuf akka karoorse dubbata.
Meeshaalee kalaqaaf isaan barbaachisan argachuun daran rakkissaa jedha. Ta’us, “qormaata ilaallee duubatti deebi’uu otoo hin taane garuma fuulduraatti deemuu wayya,” jedha.
Yunivarsiitiin Jimmaa, pirezidaantii yunivarsiitichaa kaasee hanga daarektara saayinsii instiituutii teeknolojii injinariingiitti baayyee isaan gargaaraa jiraachuus himera.
Karoora gara fuulduraa
Kanaan duras teeknoolojii fayyaa irratti hojii kalaqa walfakkaataa hojjechuun akka Afrikaatti badhaasaafi beekamtii argachuu kan himu Hundeessaan, kalaqoota hedduu of harkaa qabaachuufi isaanis gara uummataatti dhiyeessuuf qophiirra akka jiru BBC’tti himeera.
“Yaanni kalaqaa kamuu deeggaramuu qaba,” kan jedhan pirezidaantiin yunivarsiitii Jimmaa, Dr. Jamaal Abbaafiixaa, “qorannoo rakkoo hawaasaa hiikaniifi dinagdee biyyaa utuban deeggaruun ergama keenya guddaadha,” jedha.
“Akkuma biyyaattuu hojiin kalaqaa xiyyeeffannoo barbaachisa argateera hin jennu, garuu ammoo yaadawwan hedduun barattoonni, barsiisonniifi hayyooni keenya baasan deeggaruurratti hamma humna keenyaa gochaa jirra,” jedhu, pirezidaantichi.
“Deemsa kana keessattis giddugala iinkubeeshinii (Incubation center) hundeessuu, deeggarsa maallaqaa gara garaa mijeessuu, ijoollee kalaqarratti dalagan kanneenis akka qacaramanii hojjetoota carraa barnootaa akka argatan gochuun, bakka hojii mijeessuun hamma humnaatti deeggaraa jirra,” jedhan Dr. Jamaal.
Hojiiwwan hojjetamaniinis bu’aan argamu kaasuun, dorgommii biyya keessatti taasifamu kan akka Dorgommii Guddicha Itoophiyaa (Grand Challenge Ethiopia) dabalatee, sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argachaa jiraachuu qorattootaafi hayyoota yunivarsiitii Jimmaa kaasaniiru.
Keessumaa Instiituutii Teeknoolojii Jimmaa (Jimma Institute of Technology) aadaan kun durumaan jiraachuu kan dubbatan Dr Jamaal, ijoolleen bara eebbaasaanii gareedhaan pirojeektota yaada kalaqaa rakkoolee hawaasaa furan irratti xiyyeeffachuun hojjetu jedhu.
Yaadonni hayyoonni maddisiisan akka yaadaa qofattis qancarree hin hafneef “sagantaa digirii lammaffaa Leadership and management of innovation jedhu yeroo dhiyootti banuudhaaf yaadaa jirra,” jedhan.
Hojjettoota yunivarsiitiichaa lama kanneen beekamtiifi badhaasa inistiituutiin qorannoo Armaawor Haansan Waxabajjii 9, 2022 kenne irratti dorgomuun mo’aniin baay’ee boonuus kaasaniiru Dr. Jamaal.
Akka odeeffannoo fuula feesbuukii instiitiyuutii qorannoo Armaawor Haansanitti, badhaasni maqaa Tooree Goodaaliin kennamu kunis barana yeroo 20ffaa saatiin dorrgomtoota 57 keessaa qorattoota sadii badhaaseera. Isaan keessaas Hundeessaa Dhaabaafi Eelbetel Siraak barsiisotaafi qorattoota yunivarsiitii Jimmaa, muummee baawoomeedikaal injinariingii ta’uu isaani odeeffannee jirra.
BBC Afaan Oromoo Wabeeffanne
0 Comments