Header Ads Widget

Waraanni Kaaba Itoophiyaa deebi'ee ka'uuf gabaasa jedhuun akkaan yaadda'eera'-Komishinicha

Kaaba Itoophiyaatti humnoota Tigraayiifi mootummaa Federaalaa gidduu waraanni deebi'ee ka'e gabaasa jedhuufi muddama jiruun akkaan yaaddahuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Komishinichi ibsa Dilbata baaseen Sadaasa bara 2020 waraanni Kaaba Itoophiyaatti humnoota Tigraayifi kan mootummaa Federaalaa gidduutti dhalata Kaaba Itoophiyaa naannolee Tigraay, Affaariifi Amaaraa keessatti gaaga'ama namoomaa guddaa uumuu yaadachiiseera.

Waraana kanaan lammiileen nagaan jiruuf jireenya idilee isaaniirraa danqamanii ajjeechaa, saamichaa fi dararaa arguun kallattiinis ta'e alkallattiin waraana kanaan akkaan miidhamaniiru jedheera.

Bitootessa bara 2022 waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaa Federaalaafi aanga'oota Tigraay gidduutti labsame ''fedha gargaarsa namoomaa hammaataa Affaar, Amhaaraa fi Tigraay keessa jiru furuufi waraanichaaf fala siyaasaa argachuuf bu'uura kaaha'' abdii jedhu qabaachaa akka tures jaarmiyaan kun eereera.

Torbanoota darban haasaan gamaa gamanaa dhagaahamu waraanni Kaaba Itoophiyaa kun tarii hammaatee deebi'ee eegaluuf akka jedhu akeeku.

Humnootni Tigraay bakkeewwan Eertiraa daangessanitti haleellaa meeshaaa waraanaa gurguddoo bananii, yeroo gabaabaaf walitti dhukaasuun uumamee akka ture BBC'n maddeen isaa irraa mirkaneeffateera.

Haleellaan kun A.L.I Ebla 30/ 2014 waraana Eertiraa naannoo Raamaafi Baadimmee jiran irratti kan gaggeefame yoo ta'u, haleellaa kana booda humnoota Tigraay fi waraana Eertiraa gidduutti dhukaasi banamee akka ture ibsameera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa sochiin waraanaa bakka itti adeemaa jirus ta'e waraanni kun ifatti deebi'ee eegaluu ilaalchisee jala muree wanti jedhe jiraachuu baatus, gabaasa waraanni eegale jedhuun yaaddahuu ibseera.

Biyyattiin qaalayinsa jireenyaa, hanqina dhiyeessiiwwan bu'uraa fi Kaaba Itoophiyaatti ammoo addatti tajaajiloonni bu'uuraa adda cituun fedha deeggarsa namoomaa akkaan olaanaa kutaalee biyyattii adda addaa keessa jirutti dabalamee haalli dinagdee fi hawaasummaa danqaa keessa jiraachuu komishinichi ibseera.

''Haala qabatamaa kana keessatti baasiin waraanni itti fufuuniifi kutaa biyyattii biroo keessa jiru qabu kan shallagamu miti. Namoota nagaa mancaaasuun sarbama mirga namoomaa hammeessa,'' jedheera.

Qaamoleen waraana kana keessa jiran, miidiyaaleen, hoogganoonni amantaa fi kaanis gochoota dhimma kana hammeessan irraa of qusatanii nagaan, waldanda'uuniifi walhubachuun akka jiraatu gahee akka bahan waamicha godheera.

''Dhaabbileen idila addunyaa fi michootni Itoophiyaa duula waraana hambisuu,marii si'eessuufi nageenya fiduu akka gargaaran'' jechuunis gaafateera.

Komishinichi mootummaan Federaalaa, bulchiinsotni Affaariifi Amaaraa deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay akka seenu haala akka mijeessan gaafateera.

Humnoonni naannoo Tigraayis deeggarsi namoomaa uummata nagaa naannichaa akka gahu akka hojjetan darbees dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka hin gufanne, naannolee ollaa akka hin qabanne gaafateera.

Bitootessa bara 2022 waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga waliigalamee duuba Bulchaan Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD)deeggarsi namoomaa naannicha akka qaqqabu eegan seenaa akka hin jirre himanii ''sababa kanaatti uummatni keenya beelaan yeroo dhumu ilaaluurra filannoo biraa barbaaduuf ni dirqamna'' jechuun barreesaa olaanaa UN Antooniyoo Gutareeziif xalayaa banaa erganii ture.

Post a Comment

0 Comments