Tapha Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa gulaallii Waancaa Afrikaaf taasisuun gidduu kana gareewwan Maalaawwiifi Masrii dirreen ala morkata.
Waancaa Afrikaa bara 2023 Kotidivu'aaritti taasifamuuf Waaliyaawwwan Masrii, Giiniifi Maalaawwii waliin ramadamaniiru. Gareen kuni morkii kanaaf gara Maalaawwii imaleera.
Xiinxaltoonni ramaddii kana keessaa Itoophiyaaf tilmaama gad-aanu kennaniis leenjisaa Wubatuu Abaataafi taphattoonni garuu kana fashaleessuuf yaada qabu.
Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa dirreewwan Itoophiyaan qabdu gulaallii Waancaa Afrikaaf taasisuuf ga'umsa hin qaban waan jedheef ture jarri Waaliyaa dirree ormaarratti kan taphatan.
Taphi jalqabaa taasisan Maalaawwii waliini.
Leenjisaan garee kubbaa miilaa Itoophiyaa Wubatuu Abaata ''Fara'oonota osoo dirree keenyarratti morkanne nan gammada ture,'' jechuun yaada kennaniiru.
Jarri Waaliyaa Caamsaa 16 eegalee taphoota gulaalliif qophii taasisaa turaniiru.
Leenjisaan garichaa tapha michummaa garee Leseetoo waliin Finfinnee erga taasisan booda taphattoota 23 filataniiru.
Getaanah hin filamne
Taphattoota leenjisaa Wubatuun filatan keessa jifataan garee Itoophiyaa Getaanah Kabbada hin jiru.
Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa baranaa taphataa biraa waliin galchii hedduun kan dursaa jiru Getaanah leenjisaa waliin walitti bu'iinsa uumameen akka hin filatamne Wubatuun ibsaniiru.
Getaanah waan hin jirreef bakka isaa Shimallis Baqqalaan dursaa taphattootaa ta'un garee kana ni hooggana.
Getaanah jiraachuu dhabuun isaa Abubabak Naasir bakka lakkoofsa 9 akka taphatu carraa uumuufi mala.
Shimallis gara Maalaawwi adeemuu dura miidiyaa biyya keessaa Sookar Itoophiyaa waliin turtii taasiseen taphoota lamarraa yoo xiqqaate qabxii afur fiduuf akka taphatan dubbate.
Wubatuun akkaatuma baratame taphattoota isaanii 4-3-3'n hiriirsuun akka morkatan eegama.
Maalaawwii
Gareen kubbaa miilaa Maalaawwii waancaa Afrikaa darbeerratti ramaddii isaaniirraa darbuu danda'aniiru. Garuu, Morokoon injifatamanii biyyatti deebi'an.
Sadarkaa kubbaa miilaa FIFA'n baatii Bitootessa keessa baasen Maalaawwiin addunyaarraa 120ffaa teesseetti. Itoophiyaan immoo 140ffaa ka'amte.
Gareen Maalaawwii gara caalu taphattoota biyya keessa taphatan akkasumas kilaboota Afrikaa biroofi Awurooppaa taphatan of keessaa qaba.
Awurooppaatti kan taphatan keessaa taphataan Chaarlis Petroo kilaba Moldovaaf ni taphata.
Taphni Itoophiyaafi Maalaawwii Dilbata A.L.I Caamsaa 26/ 2014 guyyaa keessaa sa'aatii 10:00 irratti Isteediyeemii Biyyaalessaa Binguutti taphatama.
Masrii
Mohaammad Saalah Fara'oonotatti makamuuf gara Masrii imaleera. Garee kana dursaa taphattootaa ta'uunis tajaajila.
Ramaddii kana keessaa ni darbu jedhamee kan tilmaamameef taphattoonni Masrii tapha isaanii jalqabaa Dilbata halkan sa'aatii 4:00'tti Giinii simachuun taphatu.
Karra eegaa Mohaammad El-Shenaawwiin dabalatee taphattoonni kilaba Al-Ahlii garee biyyaaleessaa kana keessa jiru. Taphataan Arsenaal Mohaammad Elnaniis filameera.
Waancaa Addunyaaf darbuu kan hanqatte Masrin leenjisaa haaraa muuddeetti. Kaayyoon ijoo Ihaab Gaalaal ijoos biyyattii Waancaa Afrikaaf dabarsuu akka ta'e ibsaniiru. |
Masriin Giinii waliin erga taphattee booda Itoophiyaatiin achuma biyya Maalaawwiitti A.L.I Waxabajjii 2, 2014 galgala sa'aatii 1:00'tti morkatti.
''Masriin baasii keessan dandeenya nuun jette''
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha Masrii waliin taasisan Maalaawwiitti akka taasifamu kan murteesse ''baasiif jecha'' ta'u Obbo Baahiruun ibsaniiru.
Obbo Baahiruun ibsa miidiyaaleef leenjisaa waliin kennaniin ture kana kan dubbatan.
Dabaluunis, jarri Waaliyaa Maalaawwii waliin erga taphatanii booda achuma turanii akka bayyanatan yaadamee ta'uu ibsan.
''Dirree Maalaawwii irratti Masrii waliin walfamuuf yoo xiqqaatee dolaara kuma 50 nu barbaachisa,'' jedhaniiru qondaalli kuni.
Akkasumas, ''Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Masrii baasii keessan dandeenyee taphni Kaayiroo haa ta'u,'' jedhee akka gaafateen ifa godhaniiru.
Ta'us, kuni ''kabaja tuquudha jenneen hin fudhannu jenne,'' jechuun dubbatan.
Gulaalliin marsaa duraa Waancaa Afrikaa torban dhufu erga xumurame booda marsaan lammataa baatii Fulbaana dhufu taasifama.
Fulbaana irratti Itoophiyaan Giinii waliin tapha dhaqaa gala taasisti.
0 Comments