Sanyiin margaa dachee kanaa lafa bal’aa haguuguun guddaa tahe Awustiraaliyaa qarqara galaanaatti argame. Margi galaanaa kuni gosa margaa guddaa Maanhaatan jedhamu harka sadii caala.
Qorannoo qaccee sanyii fayyadamuun saayintistoonni biqilaa galaana jalaa Lixa Awustiraaliyaatti argame kana gosa margaa sanyii tokko akka tahe himan.
Biqiltuun kuni sanyii gosa tokkoorraa waggoota 4,500 keessatti akka babal’ate amanama.
Gosti marga galaana jalaa kuni km 200 kan uffisu tahuu qorattoonni Yunivarsiitii Lixa Awustiraaliyaa mirkaneessaniiru.
Gareen kuni iddoo Shaark Beey jedhamutti akka tasaa ture qorannoo kana kan jalqaban.
Gosa sanyii bqilaa kanaa ‘ribbon weed’ qarqara galaanaa Awustiraaliyaatti argamus qorchuu jalabaniiru.
Qorattoonni kunneen samuuda funaanuun qaccee sanyii 18,000 qorachuun waan adda adda isaan baasu murteessaa turan.
Gosti margaa kuni bqiloota meeqarraa akka tolfame baruun immoo kaayyoo isaanii ture.
‘’Deebiin arganne baayyeema nu dinqisiise sanyii tokko qofa dha,’’ jette hoggantuun qorannichaa Jeen Edgeloo.
‘’Biqilaadhuma gosa tokkotu Shaark Beey keessatti km180 uffise, kunis biqilaa dachee keenyaa iddoo guddaa uffise godheraanii.’’
Biqilaan kuni jajjabaataa tahuun kan beekamu yoo tahu, haala qilleensaa gargaraa keessatti biqluusaa itti fufeera.
‘’Haala qilleesaa geggeedaramuu fi ifa aduu cimaa kan biqiloota biraaf rakkisaa tahe dandamata,’’ jedhan qorattuun biraa Dr Elizaabeeth Siinkleer.
Biqilaan kuni waggaatti hanga sm35 guddachuu danda’a, haala kanaani saayintistoonnis hamma kanaa balbal’achuu danda’usaa kan murteessan.
Qorannoon kuni joornaalii Proceedings of the Royal Society B. jedhamu irratti maxxanfameera.
0 Comments