Header Ads Widget

Walabummaa Miidiyaa: Itoophiyaatti lakkoofsi ogeessota miidiyaa tibbana hidhamanii 18 gahuu himame

Itoophiyaatti torban lamaan darban keessa lakkoofsi gaazexeessitootaa fi ogeeyyii miidiyaa humnoota nageenyaatiin to'annoo jala oolanii 18 gahuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

Gaazexeessituu Ma'aazaa Mohaammad har'a ganama Caamsaa 20, 2014 humnoota nageenyaatiin to'annoo jala oolteetti. Akkasumas gaazexeessitoonni lama kaleessa to'annoo jala ooluu isaanii odeeffanneerra.

Gaazexeessitoota kaan guyyoota muraasa darban keessa to'annoo jala oolan jedhaman dabalatee, gaazexeessituun Finfinne Integrated Broadcasting (FIB) Sabboontuu Ahimed fi gaazexeessaa TV YouTube Alpha jedhamuu Baqaaluu Alammirroo Jimaata Caamsaa 18, 2014 to'annoo jala oolaniiru.

Akka ibsi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa baasetti lakkoofsi gaazexeessitootaa fi ogeessota miidiyaa humnoota nageenyaatiin to'annoo jala oolanii 18 gaheera.

"Hidhaan ogeessota miidiyaa haala addaatiin yaaddessaa tahe, seera miidiyaa waan faallessuuf qofa osoo hin taane, miidhaan isaa bilisummaa miidiyaa fi yaada ofii bilisaan ibsachuu bira darbee waan ta'eef," jedhan komishinara KMNI, Daani'eel Baqqalaa.

Hidhaa seera miidiyaa cabsuu fi haala kana hammeessuu qeequun, gaazexeessitootaa fi ogeeyyiin miidiyaa hundi hatattamaan akka gadhiifaman gaafataniiru.

Itti dabaluudhaanis: "Yakkoonni gaazexeesitootni raawwatan jedhame maal iyyuu yoo ta'e, wixinee seera miidiyaa haaraa ba'e cabsuuf sababa ta'uu hin qabu". Seerichi ajaja mana murtii malee hidhamuu ifatti dhorka,'' jedhan.

Qaamolee nageenyaatiin hidhamanii seeratti dhiyaachaa jiran keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.

Gaazexeessitoonni Miidiyaa Asharaa, Gaashaayyee Nugusee, Getinet Yalew, Habtaamuu Mallasaa, Daani'eel Masfiin, fi Qalamuu Galagayi torban tokko dura Naannoo Amaaraa Baahirdaaritti to'annoo jala kan oolan yoo tahu, ogeessotni maqaan isaanii hin ibsamne miidiyaa Arat Nisir jedhamu irraa magaalaadhuma sanarraa to'annoo jala oolaniiru.

Akkasumas magaalaa Finfinneetti Maskaram Abarraa, Ethio Awakening Media irraa, Solomon Shumyee miidiyaa Gabiyaa irraa, Tamasageen dassaaleny Barruu Fiteh irraa, Yayyesew Shimallis, Ethio Media irraa, Baqaaluu Alamirrooy, Alpha TV irraa fi Finfinne Broadcasting irraa Sabboontuu Ahimed hidhamaniiru.

Mirga gaazexeesitootaaf kan falmu CPJ'n dubbi himaa poolisii federaalaa waliin bilbilaan haasawa taasisaniin, "gaazexeessitoonni ogummaa isaaniitiin to'annoo jala oolan hin jiran" jechuun deebii kenneera.

Itti dabaluun dubbi himichi gaazexeessitoonni fi ogeeyyiin miidiyaa kunneen ''yakka hojjetaniin'' poolisiidhaan to'annoo jala ooluusaanii dubachuu CPJ 'n hime.

Tamasgeen Dassaalenyii fi Yayyesew Shimallis dhimmi isaanii mana murtiitti waan dhiyaateef dubbii himaan poolisii federaalaa kun yaada dabalataa kennuu irraa of qusataniiru.

Itti dabaluunis odeeffannoo dabalataaf dubbi himaa mootummaa DrLaggasaa Tulluu fi Kabbadaa Deesisaa qunnamuuf tattaaffiin taasisan akka hin milkoofne CPJ'n ibseera.

Erga naannoon Amaaraa duula "seera kabachiisuu" jalqabee as aktivistootni, gaazexeessitoonni, fi ogeeyyiin miidiyaa biroo to'annoo jala oolaniiru.

Duula ''seera kabachiisuu'' naannoo Amaaraatti jalqabeen namoonni 4500 ol to'annoo jala ooluu ibsameera.

KMNI fi CPJn gaazexeessitootaa fi ogeessota miidiyaa akka fedhetti hidhamuu balaaleffachuu bira darbee Ameerikaan hidhaa jimlaa aktivistootaa fi gaazexeessitoota gaggeeffamaa jiruun yaadda'uu karaa Imbaasii ishee magaalaa Finfinnee jiruu ibsiteetti.

Humnootni nageenyaa naannoo fi federaalaa adeemsa seeraa hordofuu akka qaban dhaabbileen mirga namoomaaf falmanii fi imbaasichi ibsa baasan irratti eeraniiru.

Post a Comment

0 Comments