Header Ads Widget

Ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Obasaanjoon gara Maqalee imalan

Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo naannoo Tigraayitti imalanii akka jiran ibsame.

Dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa Aab Obasaanjoon Maqalee jiraachuu ibsanii, wayita isaan Hoogganaa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) waliin mari'atan suuraa agarsiisu tiwiitarii isaaniirratti maxxansaniiru.

Obbo Geetaachoon toora tiwiitarii isaaniirratti, ''Pireezidanti Dabratsiyoon dhimmoota naannawa Gaanfa Afrikaa irratti ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa Obasaanjoo waliin dubbataniiru,'' jechuun ala odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Obasaanjoon wayita TPLF fi loltoota Eertiraa gidduutti waraanni banamuun gabaafamaa jirutti Tigraay seenuun isaanii dhagahame.

Qondaalli siyaasaa gameessi kun waraana kaaba Itoophiyaa fi walqoollifannaa naannawa Gaanfa Afrikaatti dagaage tasgabbeessuuf ergama fudhatanii hojjechaa jiru.

Garuu nageenya buusuuf adeemsi eegalame hanga yoonaa firiin argamsiise ifatti hin jiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad torbee darbe daawwannaa gara Naayijeeriyaa fi Keeniyaatti taasisaniin booda haasaan nageenyaa gaggeeffamaa jiraachuurratti odeeffannoowwan hin mirkanoofne ba'aa jiru.

Kana hordofee Ministirri tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa Laggasaa Tulluu (PhD) daawwannaan MM Abiy marii nageenyaa kanaan homaatuu wal hin qabatu jechuun Wiixata kaleessaa BBC tti himan.

Imala Obaasaanjoo Finfinnee fi Maqalee

Pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa fi Gamtaa Afrikaatti ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa kan tahan Oluuseeguun Obaaasaanjoo irra deddeebiin gara Finfinneefi Maqala imalaniiru. Yeroo dhumaaf gara Tigraay deemuun qondaalota TPLF walin kan marii’atan jalqaba baatii Amajji, 2014 A.L.I ture.

Obaasaanjoon nagaan akka bu’uuf jecha tattaaffii taasisaniif qaamota lamaanirraa deebii gaarii akka argatan kan himan tahus, furmaata lola kana karaarra buusurra garuu hin geenye.

Baatii Onkololeessaa yeroo waraanni hammaatee ture Obaasaanjoon yoo xiqqaate yeroo sadiif gara Tigraay imaluun hogganoota TPLF waliin haasa’aniiru.

Ergamaan kuni imala ji’ootaan dura taasisaniin Naannoo Tigraay dabalataan iddoowwan Naannoo Amaaraafi Affaaritti qondaalota dubbisuu gabaafamee ture.

Ergamaa Gamtaa Afrikaa kanaan ala, ergamaan addaa bulchiinsa Joo Baayidan Ambaasaaddar Deeviid Saatarfiild waraana Itoophiyaa keessa jiru dhaabuufi garaagarummaa jiru mariidhaan hiikuuf furmaata barbaaduuf tattaafachaa kan turan tahus hamma yoonaa bu’aan argame hin jiru.

Bitootessa darbe mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu labse, humnooti Tigraay erga fudhatanii booda lolli kan dhaabte yoo tahu deeggarsi namoomaas gara naannichaa galaa akka jiru himameera.

Yeroo ammaa lolii walii waliinii gab haa jedhuyyuu malee qaamni tokko isa kaan waraana jalqabuufi jechuun wal-himatu.

Waraanni Sadaasa 2020 humnoonni Tigraay waraana mootummaa federaalaa irratti haleellaa raawwachuun jalqabe, gara naannolee Amaaraafi Affaaritti ce’uun lubbuu namoota kumaan lakkaa’amanii dabarsee, miiliyoonoota qe’ee isaaniirra buqqaasee, maraammartoo rakkoo namoomaa guddaa fideera.

Post a Comment

0 Comments