Header Ads Widget

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin kan amma Yukireen irratti waraana bane eenyu?

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin muddama biyyasaaniifi Yukireen jidduutti mudateen walqabatee erga mata duree oduu addunyaa ta'u eegalee bubbuleera.


Haata'u malee jalqabarratti biyyisaa kaayyoo Yukireen weeraru gonkumaa hin qabdu jechuun waakkataa turan illeen Guraandhala 24, 2022 irra kaasee waraana Yukireen irratti baneera.


Kanaanis walqabatee dureewwan addunyaa irraa balaalleeffannaafi tarkaanfiiwwan qoqophaa biyya isaarratti ka'amaa jira.


Ofii Vilaadmir Puutiin kan amaan tana mata dure dubbii addunyaa ta'e kun eenyu?

Namni ganna 68 tahefi haadha warraasaa hiike kun, waan hundaan waan milkaa'e fakkaata. Waggoota digdamaa oliif, aangoo olaanaa biyyattii guddina lafaan addunyaarraa jalqabarra jirtu kana qabataniiru.


Raashiyaatti dargaggoonni filannoof umuriin isaan gahe, erga dhalatanii as pireezidantii biraa biyyattii bulchu hin argine.

Maal hojjete?

Maal hin hojjene? Waraana labseera, rifoormii sooramaa ifoomseera, daangaa Raashiyaa babal'iseera (naannoo Yukireen ofitti dabaluun), akkasumas kaalendaroota haalaan gurguraman irratti baheera.

Dhiyeenya kana garuu, qoodinsa aangoo haqaqabeessa tahe gochuuf jijjiiramoota heeraa hedduu fideera. Ministira Muummee haarayaas muudeera.


Maaliif?

Yaadrimeen, haala kanaan demookraatawaa taha jedha Puutiin .


Ministeerota muuduun, akkasumas aangoo pirezidaantichaa daangeessuun - mootummaaf aangoo dabalataa kennuu barbaada.

Qabatamatti Aabba Puutiin biyyattii marroo arfaffaaf bulchaa jiru.


Akka heera biyyattiitti marroo biraan aangoorra turuu hin danda'u. Bara aangoo lama walitti fufiunsa qaban heeyyama heerri biyyattii -kanammoo Aabba Puutiin obbaasaniiru.


Garuu ministira muummee amma hari'ame wajjin aangoo waljala geeddaruun, waggaa afuriin booda irra deebiin dhufeera.

Akkuma ifatti mul'atutti Puutiin aangoosaa 'abbaa biyyattii' tahuu waan quufe hin fakkaatu. Xiinxaltooni siyaasaa Aabba Puutiin nama isatti aanee dhufuuf karaa ququlleessaa jira jedhu.


Haala kamiin kana gochaa jira?

Akka gaggeessitoota isa dura turan godhanitti, bara aangoosaa lafaa ka'ee dheereessuufi heera biyyattii aangoo daangeessu haquurra, yookaan ammoo qaawwa seeeraa jiranitti fayyadamuura, mala biraa dhawuun as bahe.


Kunis Mana Maree Biyyaa (State Council) haga amma waaheen isaa haalaan hin beekamne as gadbaasuudha.


Haga har'aa qaamni maqaa guddaa qabu kun, aangoo murtaa'aa qabu ture.


Puutiin hoogganaa Mana Maree kanaati- amma booda garuu gaheen qaama kanaa heera keessa gala.


Kun kanaan dura iddoo biraatti godhameera. Hoogganaan Kaazaakistaan Nursulxaan Naazarbaayev erga pireezidaantummaarraa bu'ee 'duree biyyattii' kan tahe haala kanaan ture.


Kutaan ittaanu diraamaa kanaa yoom dhiyaata?

Putiin hanga bara 2024tti ulfina pirezidaantummaa isaan aangoo irra tura. Sana boodahoo eenyutu aangoo fudhachuuf kaadhimamee jira kan jedhus tilmaama nama hundaati.

Akka jedhamuttu ministirri muummee ammaa Mikaahil Mishuustin dorgommichaan aladha.


Ilaalaa erga bara 1825 as hoggantootni Raashiyaa namoota refeensa guutuu qabanii fi namoota mataa moluudhaan wal harkaa fuudamaa as gahe.


Guutummaan tahuu baatus pirezidaanti gaggeessaa mataa moluu jedhamee ramadama.


Kanaafuu namni hin beekamni tokko hogganaa duraanii Tajaajila Taaksii ture sa'a 24 darban waa'een isaa Wikipiidiyaa irra hin jirres carraan ala taheera.

Maddi: BBC Afaan Oromoo

Post a Comment

0 Comments