Biyyoota addunyaa hedduu biratti Tarkii jedhamtee kan waamamtu Turkiin, maqaashee jijjiiruuf tarkaanfiin fudhatte Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii biratti erga fudhatamee booda, kana booda ‘Turkiye’ jedhamtee akka waamamtu beeksiste.
Akka haaraatti addunyaatti of beeksisuuf hojjechaa kan jirtu Tarkiin, duula karaa pireezidantii ishee eegalameen jijjiirama maqaasheerratti uumame hordofee jaarmiyaaleen idil-addunyaa hedduun maqaashee akka sirreessan gaafatamaniiru.
Ji’a Sadaasaa darbe keessa ‘’maqaan Turkiye jedhu aadaa, qaroominaa fi duudhaawwaan uummata Tarkii kan calaqqisiisuudha,’’ jechuun Pireezidant Rasiip Xayyib Erdowaan dubbatanii turan.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii torbee kana keessa yaada jijjiirraa maqaa Tarkii erga fudhatee mirkaneessee booda battaluma maqaashee haaraaf beekamtii kenne.
Lammiileen Tarkii hedduun biyyasaanii Turkiye jedhanii kan waaman yoo ta’u, Tarkiin ammo dubbattoota Afaan Ingilizii biratti bal’inaan beekama.
Jijjiiramni maqaa kun erga ifa ta’ee booda miidiyaa mootummaa biyyattii kan ta’e TRT battaluma maqaa haaraadhaan waamuu eegale.
Jijjiirraa maqaa kanaaf akka sababaatti kan ka’e inni biraan ammoo maqaan Tarkii jedhu lukkuu yeroo ayyaanaa qalamtuun beekamuu isaati.
Biyyoonni lixaa wayita ayyaana qillee fi bara haaraa kabajatan gosa lukkuu qalataniin Tarkii jedhanii waamu.
Kitaabaa galmee jechootaa (dictionary) Kambiriij irrattis hiikaan Tarkii lukkuu kanaaf kan kennameedha.
Mootummaan Tarkii maqaa biyyattii jijjiiruuf duula eegaluurraa kaasee oomishaalee biyyattiin gara alaa ergitu mara irratti maqaa haaraan kan chaappeffamu yoo ta’u, Amajjii darberraa kaasee biyyattii duula tuurizimiin biyyattii beeksisuu, ‘Hello Turkiye’ jedhu gaggeessaa turteetti.
Duulli kun marsaalee hawaasaa irratti yaada walmakaa keessummeessaa jira.
Aanga’oonni mootummaa deeggarsa isaanii wayita ibsan, gariin ammoo wayita sharafni alaa biyyattii kufee jirutti, akkasumas filannoo waggaa dhufu gaggeeffamuuf wayita qophiin godhamaa jirutti tarkaanfiin kun fudhatamuun xiyyeeffannaa gara kanatti kan deebisudha jechuun ittiin morman.
Biyyoonni maqaasaanii jijjiirrachuun waan haaraa miti.
Waggaa lama duras Neezarlaands maqaa Hoolaand jedhu ofirraa dhiistee turte.
Isa dura ammoo Maqadooniyaan sababa goolama siyaasaa maqaashee gara Maqadooniyaa Kaabaatti jijjiirtee turte.
Biyyi Afrikaa Siwiizilaand ammo maqaashee gara e-Swatini geeddarteetti.
Seenaa yeroo dhiyoo keessattis Peershiyaan gara Iraan, Siam gara Taayilaand, Roodeeshiyaan gara Zimbaabwee jijjiiraniiru.
0 Comments