Naannoo Amaaraa rakkoo nageenyaa naannicha keessatti mudateen wal qabatee ofiin to'achuun humnasaatiin ol waan ta'eef mootummaan federaalaa jidduu akka galuuf gaafate.
Naannichaatti walitti bu’insa hidhattootaa fi humnoota nageenyaa jidduutti cimaa dhufe hordofuun, tasgabbii dhabiinsa naannichaatti mudate to’achuuf mootummaan federaalaa jidduu akka galuufiidha mootummaan naannichaa gaaffii kan dhiyeesse.Xalayaa pirezidantii naannichaa Yiliqaal Keffaaleetiin (PhD) mallattaa’ee Ministira Mummeetiif barraa’e, itti qabasiisuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka gabaaseetti, rakkoo nageenyaa naannichatti mul’atu humna nageenyaa idilee naannichaan to'achuun rakkoo waan taheef, mootummaan federaalaa jidduu akka galuuf gaafateera.
Xalayaan naannichi har'a Hagayya 3, 2023 mootummaa federaalaatiif barreessee rakkoo nageenyaa naannichatti mudate 'karaa sirna seera kabachiisuu idileetiin tasgabbeessuun hin danda’amne' kan jedhudha.
Sababii kanaanis, ‘‘mootummaan federaalaa akka tarkaanfii seeraa barbaachisu hojiirra oolchu’’ mootummaan naannoo Amaaraa Ministira Mummeetiif gaaffii dhiyeessuu xalayicha irratti ibsameera.
Rakkoon tasgabbii naannicha mudate miidhaa namoomaa, hawaasummaa fi diinagdee olaanaa hordofsiisaa jiraachuu kan hime mootummaan naannichaa, mootummaan federaalaa haaluma heera mootummaa biyyattiin tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatuuf gaafateera.
Mormiin baatiiwwaniif naannichatti eddoowwan garaagaraatti gaggeeffamaa turee fi walitti bu’insii hidhattootaa faannoo ofiin jedhanii fi humnoota nageenyaa jidduutti mudate torbannoota darban muraasa keessa cimuun naannicha keessa magaalota adda addaatti babal'ateera.
Sababii kanaanis lubbuun namootaa darbuu, qabeenyi barbadaa’uu, sochiileen geejjibaafi idilee danqamuu akkasumas naannichaatti bakkeewwan rakkoon itti mudatees bal’achuun bakka baayyee gahaa dhufuun himameera.
Pireezidantiin naannichaa Yiliqaal Keffaalee(PhD) guyyoota dura walitti bu'iinsa naannicha keessatti hammaate haala furuun danda'amuurratti abbootii amantaafi jaarsolii biyyaa waliin kan mariyatan yeroo ta'u, mootummaan isaanii rakkoo jiru mariin furuuf qophii ta'uus duubbatanii turan.
Har'a pireezidantiin naannichaa Ministira Muummee Abiyyiif xalayaa barreessaniin yaaliin mariin furuuf taasisan akka hin milkoofne ibsaniiru.
Haaluma kanaan rakkoon naannicha keessa jiru nagaa eegsistoota idilee naannichi bulchuun to'atamuu waan hin dandeenyeef mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaafateeniiru.
Heerri Itoophiyaa keewwata 51 waayee aangoo mootummaa federaalaa labsu keewwata xiqqaa 14 jalatti naannoon gaaffii akkasii wayita dhiyeessu mootummaan Federaalaa akka gidduugalu ni labsa.
Mootummaan Federaalaa ''boora'uun nageenyaa humna naannoleen ol ta'e wayita mudatu gaaffii naannoleen dhiyeessan bu'uura godhatee raayyaan ittisaa ni bobba'a'' jedha.
Amma dura haaluma biyyattii keessatti mul'ateen labsiin yeroo muddamaa labsamuufi tarkaanfii mootummaan federaalaa fi naannoo ni mala jedhan fudhachuu danda'u.
Rakkoon naannoo Amaaraa keessa jiru yaachisaa ta'aa akka dhufe Ministirri Muummee Itti aanaan, Dammaqaa Makoonniin ibsaniiru.
Yaada miidiyaa hawaasaa isaaniirratti qoodaniin ''rakkooleen nageenyaa naanoo Amaaraa keessatti mudachaa jiran yaaddessaa ta'aa dhufeera'' jedhaniiru.
''Furmaatni isaas wabii hundaa kan ta'e seeraa fi sirna haala guutuu ta'een kabajuufi kabachiisuudha'' jedhaniiru obbo Dammaqaan.
Naannoo Magaalaa seenaa qabeetti Gondar Azezoo fi Maaraakiitti hanga har’a walakkaa guyyaati dhukaasni dhagahamaa akka ture jiraattotni magaalittii BBCtti himan.
Magaalaa Gondar naannoo buufata xiyyaaraatti walitti bu’insi ka’uun tajaajilli geejibaa dhaabbatee akka jirus himan.
Raayyaa Ittisa Biyyaa fi milishoota hidhatan, Faannoo gidduutti ‘’walitti bu’insi jabaan’’ dheengadda [Kibxataa] fi Roobii kaleessaa akka ture himaniiru.
Naannoo Amaaraa keessatti rakkoon hammaataan akka dhalatu sababa kan ta'e mootummaan humna addaa naannoolee diigee caasa nageenyaa kaanitti makuuf murteessuu isaa hordofeeti.
Kana hordofees bakka adda addaatti hidhattoota naannichaa fi humnoota mootummaa federaalaa gidduu walitti bu'iinsi gaggeefamaa ture.
Walitti bu'iinsa kana keessas ji'oota darban keessa labuun namoota nagaa darbeera, sochiin hawaasaa hedduunis danqameera.
Kibxata darbe ibsa kan baase Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bakka adda addaatti hidhattootni miseensota isaa irratti haleellaa banuu ifa godheera.
Humnoota maqaa Faannoon socho'an irratti tarkaanfii akka fudhatus ibseera.
0 Comments