Liyoonel Meesii fi Angel di Maria tapha waancaa Finalissima Roobii galgala Arjentiinaan Itaalii mo'atte irratti gahumsa addaa agarsiisan
Taphni waancaa Finalissima jedhamuufi Wembileetti taphatame kun, morkii mo'attoota Waancaa Awurooppaafi Ameerikaa Kibbaati.
Meesiin kubbaa gara fuulduraatti oofuun waahila gareesaa Lautaro Martinezif kubbaa dansaa dabarseef - jennaan Maartineez goolii keessa buuse.
Innis gamasaatiin goolii lammeessoof mijeessee dabarsuun, Di Maariyaan haala bareedaan galchiitti jijjiire.
Ka sadeessoo ammoo jijjiiramee kan seene Paulo Dybala gara xumura taphichaatti lakkoofsiseera.
Taphataa sarara ittisaa Itaalii kan tahe Giorgio Chiellini boqonnaan dura tapha 118ffaa isaafi isa xumuraa taphateera.
Morkiin gareewwan biyyooleessaa lamaan gidduutti taasifame kun ganna 29n booda isa jalqabaati.
Dorgommiin amma dura marroo lamaaf 'Artemio Franchi Cup' jedhamuun bara 1985 fi 1993tti taphatamee ture.
Kan jalqabaan Firaans - Uruguay yoo mo'attu, kan ittaanuun ammoo Arjentiinaan - Deenmaark irra aantee turte.
Mo'ichi Arjentinaa deeggartoota 87,112 fuulduratti Roobii galgala agarsiisan, gahumsa isaanii dansaa erga Waxabajjii 2019 agarsiisaa jiran itti fufsiiseera.
Ergasii taphoota 32 irratti hin mo'amne, erga 1993 yeroo jalqabaaf Koppaa Ameerikaa mo'achuun, Waancaa Addunyaa Qaataariif dabran.
Tapha galgalaa Weembileen taphattoota ciccimoo akka qaban kan itti mul'isanidha - gama sarara fuulduraan Di Maariyaa, Maartineez fi Meesii tapha ajaa'ibaa agarsiisan.
Kanneen keessaa kan akkaan olaananii mul'tan Di Maariyaa fi Meesii yoo ta'an, waahila isaanii kilaba Paris St-Germain karra eegaa Itaalii Gianluigi Donnarumma irratti yaalii hedduu taasisan.
'Tapha xumuraa bareedaa ture'
Gahumsa Meesiin galgala agarsiise tapha liigii Firaans irratti taphate wajjiin yoo walbira qabamu, akkaan dansaa ture.
Waggaa jalqabaa kilabichatti makame irratti galchii 11 callaa lakkoofsise - kunis ganna 16 keessatti isa gadaanaa tahee galmaa'eera.
''Tapha bareedaa akka tahu eegnee turre, shaampiyoonaa tahuufis haalichi mijataa ture,'' jedhe Meesiin.
''Tapha xumuraa akkaan bareedu ture, lammiileen Arjeentiinaa hedduun turan...''
Leenjisaan Itaalii Robertoo Maanchiinii gamasaaniin miirri istaadiyemii keessaa bareedaa akka ture kaasuun, qabxii garee isaaniin garuu hin gammadne.
''Weembileetti taphachuun daran dansa,'' jedhan. ''Yeroo hunda asitti taphannutti, kubbaa miilaafis tahe nuuf taatee ajaa'baati.
...dhumarratti nuuf gaarii hin turre, garuu [maal goota] kun kubbaa miilaati.
Nu caaluun taphataniiru. Jifataafi taphattoota sarara gidduu akkaan gahumsa gaarii agarsiisan qabu. Akka gaariitti taphatan.''
0 Comments