Sudaanitti labsiin yeroo muddamaa yeroo fonqolchi mootummaan waraana biyyattiin gaggeeffameetti kaa'amee ture kaafamuun himame.
Motummaan Waraanaa Sudaan labsicha kan kaase erga fonqola mootummaa gaggeessuun baatiiwwan jahaan dura aangoo qabteen boodadha.
Fonqolchi mootummaa Sudaan kan ministira muummee fi kaabinoota isaanii to'annoo jala oolcheefi mootummaa siiviilii diige biyya waggootaaf jeeqamaan dabarteef qormaata keessa galchuun ni yaadatama.
Fonqolchi kunis hogganaa waraanaa biyyattii kan ta'e Jeneraal Abdal Fattaa al-Burhaaniin hogganamuun sirna bulchinsa biyyattii guutummaatti kan aangoo waraanaa jala galche ture.
Manni maree Nageenyaafi ittisaa kan amma biyya bulchaa jiru akka jedhetti, murteen labsii yeroo muddamaa kaasuu kun kan taasifame erga walgahiin duree waraanaa biyyattii Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaaniin durfame gaggeeffameen booda.
Tarkaanfiin labsii yeroo muddamaa kaasuu kunis mariidhaaf haala gaarii ta'ee uumuu irratti kan xiyyeeffatedha jedheera.
Haata'u malee erga fonqolchi mootummaa Onkolooleessa keessa raawwatamee kaasee mormiin mootummaa waraanaa irratti gaggeeffamu itti fufeera.
Walitti bu'insa lammiilee biyyattii mormiif bahaniifi poolisoota jidduutti umameen erga yeroo sanaatii as namoonni 100 ta'an ajjeefamuutu himama.
Dhiheenya kana keessas humnootiin nageenyaa namoota mormiidhaaf bahan hedduu to'achuufi hoggantoota sochii diddaa irratti xiyyeeffataa akka jiran himama.
0 Comments