Maalummaa Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaa
Dhukkuboonni wal qunnamtii saalatiin daddarban nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti daddarbuuf wal qunnamtii saalaa raawwachuu kan gaafatuu yoo ta'u, Yeroo namoonni wal qunnamtii saala raawwatan Baakteriyaa, Vaayrasii fi Parasayitiiwwan dhukkuba kanaaf sababaa ta'u danda'an karaalee dhiigaa, xaraanxaraa, sanyii kormaa(sperm) fi dhangala'oo biroo kannen qaama keessaa ba'utiin nama dhukkubsataa irra gara nama fayyaatti darbuu danda'a.
Yeroo tokko tokkoo dhukkuboonni wal qunnamtii saalaatiin daddarban karaa wal qunnamtii saala malees yeroo da'umsaa haadha irraa gara ilmootti, sibiilaa qara qaban fi kkf'n namarraa namattii daddarbuu ni danda'a. Namoonni dhukkuba kanaan qabaman yeroo hunda haala wal fakkaataa ta'een mallattoo dhukkubichaa of irratti osoo hin argiin turuu danda'u. Kanafuu osoo hin beekin namoota baayyee waliin wal qunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwachuun dhukkubicha baballisuu danda'u.
Mallattoolee Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaa
Dhukkuboonni Walqunnamtii saalaa mallattoolee garaagara kan qaban yoo ta'u, kanneen mallattoo hin qabne ykn kannen mallattoo hin agarsiifnees ni jiru.
Walumaagalatti dhukkuboonni walqunnamtii saalaa mallattoolee armaaan gadii agarsiisuu danda'u:
- Naannon qaama saalaa ykn Afaani irratti madaaan mulachu.
- Yeroo fincaan nama irra ba'u dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
- Gubaan fincaanii namattii dhagahamuu.
- Dhiigni qaama saalaa keessaa dhangala'uu.
- Yeroo Walqunnamtii saalaa raawwatan dhukkubbiin namattii dhagahamuu.
- Naannoo garaa gadiitti dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
- Ho'ii qaama dabaluu fi kkf mallattoolee ijoo dhukkuboonni walqunnamtii saalaatin daddarban agarsiisaniidha.
Sababoota Ijoo Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaa
Dhukkuboota Walqunnamtii saalatiin dadarbaniif sababa ta'u kanneen danda'an:
Baakteriyaa: Gonoriyee, Saayifilis fi Kilamadiyaan dhukkuboota walqunnamtii saalaa sababa baakteeriyatiin namarraa namatti daddarbuu danda'aniidha.
Paarasayitii: Tirichoomayinaasisiin dhukkubaa walqunnamtii saalaa Paarasayitiidhan namarra namatti darbuu danda'udha.
Vaayrasii: dhukkuboonni qunnamtii saalaa kanneen sababaa vaayirasiin namarra namatti darbuu danda'an HIP, Herpasii Afaani fi HIV dha.
Maloota Ittisaa Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaa
Dhukkuboota Walqunnamtii saalaatin daddarban akka hin faffacaanee fi hin babalanne ittisuuf maloonni gargaaran baayetu jira. Kanneen keessaa muraasnii isaani:
- Walqunnamtii saalaa daangaa hin qabnee raawwachuu dhiisuu.
- Yeroo yeroon qorannoo dhiiga raawwachu.
- Nama dhukkuba kanaan hin qabamne waliin tokko fi tokko ta'anii jiraachuu.
- Talaalli fudhachuu.
- Yeroo Walqunnamtii saalaa raawwatan kondomiitti fayyadamuu
- Waliin mari'achuu
- Alkoolii dhuguu irraa of qusachuu ykn dhugaatii Alkoolii xiqqeessu fi
- Hawaasaa barsiisuun tooftaawwan ijoo dhukkuboota walqunnamtii saalaatin daddarban ittisuuf gargaaraniidha.
0 Comments