Header Ads Widget

Kooriyaan Kaabaa imala Baayidan gara Eeshiyaa eegdee miisaa'eela dhukaafte


Kooriyaan Kaabaa Roobii barii baalistiik misaa'eelii sadii dhokaasuu waraanni Kooriyaa kibbaa hime.

Aanga'oonni Seehul keessaa akka jedhaniitti, miisaa'eelichi garaagarummaa sa'a tokkoon gadii keessatti, daangaa Sunaan naannoo Piyoongiyaangi dhukaafte.

Kunis battaluma Pirezidaantiin US Joo Baayidan gara naannichaatti imalan sa'aatiiwwan muraasa booda yoo ta'u, Baayidanis Kooriyaa Kaabaa dhorkoof tarkaanfii akka fudhatu dhaadate ture.

Kooriyaan Kaabaa jalqaba bara kanatii kaaftee miisaa'eeloota baalistikii fageenya guddaa deeman yaaluu itti fuftee jirti.

Jaappaanis yoo xinnaate si'a lama dhukaafamuu mirkanneessitee garuu kan biraa jiraachu akka danda'u himte.

Ministeerri Raayyaa Ittisaa Jaappaan Nobuu Kishi akka jedhaniitti, misaa'eeliin jalqabaa gara fageenya km 300 ol fageenya gara km 550 ta'uutiin balalii'e jedhe. Kan lammataa ammoo ol fageenya km 50 akka qabuufi gara fageenya km 750 imalu hime.

Mr Kishii taatee kanaan ''fudhatama kan hin qabne'' jechuun qeequun, gochaan kunis ''kan nageenya, tasgabbiifi nagummaa Jaappaaniifi hawaasa addunyaa jeequudha'' jedhan.

Walgahii erga misaa'elichi furguggifameen booda taa'ameen, Manni maree Nageenya Biyyaaleessa Kooriyaa Kibbaa yaalii kanaan ''dubbii barbaacha cimaadha'' jechuu waajjiirri pirezidaantii beeksiiseera.

Furguggisuun kun erga pirezidaantiin Ameerikaa daawwannaa Jaappaaniifi Kooriyaa kibbaatti guyyoota shaniif taasisuuf imala eegalanii sa'aatiiwwan muraasaan booda ture.

Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa, Kooriyaan Kaabaa yaalii meeshaa waraanaa biraatiif qophii ta'uufi tarii wayita daawannaa Baayidaniitti akka raawwachu eegaltu akeekkachiisanii ture.

Tibba daawwannaa kanaattis sanbattan irratti Baayidaniifi pirezidaantii Kooriyaa kibbaa Yoon Suk-Yeol leenjii, Kooriyaan Kaabaa yaalii meeshaa waraanaa akka hin taasiifne dhorkudhaaf waraanaa guddaa taasisuufi yoo barbaachisaa ta'e qabeenyaawwan tarsimoo US dabalataa gara sanatti erguuf waliigalaniiru.

Baayidan Ameerikaan gochaa Kooriyaan Kaabaa raawwattu kamiifuu qophiidhaa jedhan.

Yaalii misaa'elii yeroo muddama Covid kanatti

Furguggisuun miisaa'eela ammaa kunis yeroo Kooriyaan Kaabaa weerara Covid-19n to'achuudhaaf yaalii taasisaa jirtuutti kan ta'edha. Ummanni biyyattii miiliyoona 25 ta'us hin talaalamne.

Ammaan tanattis namoonni miliyoona tokkoo ol ta'an dhibee biyyattiin qaama gubaa jettuun dhukkubsataa jiru. Erga Eblaa as ammoo namoonni 68 du'uun himameera.

Caamsaa 12 irratti guyyaadhuma biyyattiin weerara Covid19'f labsii yeroo mudamaa labsiteetti yaalii misaa'eelii raawwattee turte.

Kooriyaan Kibbaa deeggarsa namoomaa nan taasisaaf jettu illeen Kooriyaan Kaabaa hanga ammaatti dhimmicharratti deebii hin kennine.

Post a Comment

0 Comments