Header Ads Widget

Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awuroppaa Kibxataa Hara Fi Roobii Boru Gaggeeffamuuf Jiru.

Deeggartoota Ispoortii kubbaa miila biratti hawwiin eegamaa kan jiru taphni jaalatamaan kilaboota ciccimoo Ardii Awuroppaa walitti fiduun walmorkii bareedaa deeggartoota daawwachiisuu taphni champions league Awuroppaa halkaan edana fi roobii boru halkaan sa'aati 5:00 irraa eegaluun ni gaggeeffamu.

Kibxataa Hara taphoonni lama gaggeeffamuuf kan jiran yoo ta'u, tapha darbee gara Xaaliyaanii imaluun dirree isaa irratti Inter goolii lama fi zeeroon injifatee kan deebi'ee Liverpool dirree isaa Anfield irratti Inter ni keessummeessa. Leenjisan Liverpool Jergen Klopp miidiyaaleef ibsa kennan irratti akka dubbatanitti " Inter gara dirree keenya kan dhufaniif daawwiif osoo hin taane taphatanii qabxii argachuufi, nutis kana hubannee qabxii yeroo darbee eegsisuuf qofa osoo hin taane, taphannee mo’achuuf dirree seenna " jechuun dubbatanii jiru.
Halkanuma hara taphni hawwiin eegamuu kan biroo tapha Bayern Munich dirree isaa Allianz Arena irratti Salzburg keessummeessuudha. Kilaboonnni lamaan tapha yeroo darbee waliin taphatan irratti qabxii tokko qixa kan ba'an yoo ta'u, marsaa itti aanutti darbuuf kilaboota lamaaniifuu taphni hara haalaan murteessaadha. Taphoonni kun lamanuu halkaan sa'aati 5:00 irratti kan eegalamuu ta'aa.
Kibxataa sa'aati 5:00 irratti
Liverpool 🆚 Inter
Bayern 🆚 Salzburg

Taphoonni Shaampiyoonsii Liigii Awuroppaa kun guyyaa borus itti fufuun kan gaggeeffamuuf jiru yoo ta'u, taphni Real Madrid dirree isaa irratti PSG keessummeessuu fi Manchester City immoo dirree isaa Itihad irratti Spoting CP keessumeessuuf jiru haalaan eegamuu.

Post a Comment

0 Comments