Dhaabota barnootaa qulqullina barnootaan sadarkaa guddaarra jiranirraa barattoota eebbifamaniif UK akka galaniif sagantaan itti iyyatan qophaa'uu ifa tahe.
Sagantaa viizaa Wiixata har'aa jalqabuun, ''eebbifamtoonni dandeettii olaanaa qaban'' gara hojiitti otoo hin galanii dura haala isaaniif mijate dha, jechuun mootummaan biyyattii dubbate.
Sagantaan kuni barattoota yunivarsiitiiwwan UKdhaan ala jiran irraa waggoota shaan darban keessatti barattoota eebbifamaniif kan qophaa'e dha. Ulaagaa bahu barattoonni guutan biyya kamirraayyuu hojii otoo hin argatiin gara UK galuuf iyyata galchuu danda'u.
Barattoonni digrii tokkooffaa fi lammataa carraa argatan viizaa waggaa lamaaf tajaajilu kan kennamuufi yoo tahu kanneen digrii sadaffaa immoo viizaa waggaa sadiituu kennamaafi.
Ulaagaa dabalataa barattoonni guutan ammoo viizaa waggaa dheeraa turu argachuuf iyyachuu danda'u.
UK'n dhaabboota barnootaa beekamoo kan jettu baruullee Taayims jedhamu dabalatee sadarkaa yunivarsiitiiwwan addunyaa jalatti kan 1-50 kan tarreeffamanin dha.
Kanaan ala Yunivarsiitii Hoong Koong fi Yunivarsiitii Meelbarn dabalatee barattoota yunivarsiitii 17 irraa eebbifaman carraa kanatti fayyadamuu ni danda'u.
Viizaa kana argachuuf paawundii Ingiliiz 715 kan kaffalchiisu yoo tahu qorannoo fayyaaf immoo kaffaltii dabalataa ni qabaata.
Namoonni carraa kana argatan maatii isaanii fudhatanii deemuu danda'u. Tahus qarshii maatii dhaabuuf tahu paawundii kuma tokkoofi 270 qabaachuu qabu.
Kana malees namoonni carraa kana argatan yakka irratti hirmaachuu dhiisuun isaanii ni mirkaneeffama. Afaan Ingiliizii sirnaan haasa'uunis irra jiraata.
0 Comments