Header Ads Widget

Baankileen Itoophiyaa 'waggaa afur keessatti birrii biil 1.9 gowwomsaan saamaman'

Baankileen dhuunfaa fi mootummaa Itoopiyaa keessa jiran waggoota afur dabran qofa keessatti birrii biiliyoona 1.9 ta'u ragaalee sobaa fi gowwomsaan dhabuu Ministerri Haqaa beeksise.

Ministeera Haqaatti daayireektoreetiin dhimmoota yakka malaanmaltummaa, qorannoo galmeewwan yakkaa 155 irratti gaggeessaa ture raawwaachuun baankilee kanneen keessatti barrii biiliyoona 370 ta'u gowwoomsaan saamuuf yaaliin akka taasifamee ture bira gahuu ibseera.

Hanga yaaliin ragaalee sobaan waliin dha'uufi qowwoomsuun saamuun irratti tasifame keessaa ammoo birriin biiliyoona 1.9 ta'u dhabameera jedhe.

Gowwomsaan kun dhibeentaan 50 Baankii Daldalaa Itoophiyaa irratti kan raawwatame yeroo ta'u, baankileen dhuunfaa akka Abisiiniyaa, Oromiyaa Intarnaashinaal Baankiifi Wagaagan Baank sadarkaa hanga afurii jirurra taa'aniiru.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa waggoota afur darbe keessa yakki waliindhahuu 78 irratti raawwatamuufi kanaanis birrii miiliyoona 590 dhabuun gabaafameera.

Itti aansuun maallaqa hedduu kan waliindhahame Baankii Abisiiniyaa yoo ta'u, yakka 13 irratti raawwatameen birrii miiliyoona 328 dhabeera. Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaas yakkoota waliidhahuu 11 irratti raawwatameen birrii miiliyoona 161 ol dhabeera.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, aankiin Awaashfi Baankiin Misoomaa Itoophiyaa baankilee waliidhahaman 17 keessaati.

Ministeerri Haqaa gabaasa dhiyeesse keessatti waliidhanhuun kun kan raawwatame hojjettootaafi hoogganoota baankiin, hojjettoota baankilee duraaniifi, namoota alaan ta'uu ibseera.

''Baankiiwwan irratti adda durummaan waliindhahuu kan raawwatan hoogganootaafi hojjetoota baankiilee kanaati. Sadarkaa lammaffaa irratti ammoo hojjettoota baankichaa duraaniifi qaamolee alaati.''

Bu'aan qorannoo kanaa qaamoleen alaa teekenlojiin sochii kana deeggaraa turuun isaanii yakkamtoota bira gahuun rakkisa aakka ta'u godheera jedheera. Hojjettootni Itiiyootelekoom fi waajira galmee ragaalee qooda fudhattoota yakka kanaa ta'uu Ministeerichi qorannoo isaan bira gahuu ibseera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Yinnaagar Dassee qorannoon kun dhimma kanaan walqabatee isa jalqabaa ta'uu ibsaniiru.

''Bankileen yakki akka hin raawwanen hojimaata diriirsanii hojii isanaii hojjechaa kan jiran ta'us, yeroodhaa yerootti, tooftaan yakkichi itti raawwatu walxaxaa ta'aa deemuu isaatiin yakkicha dhaabsisuu hin danda'amne,'' jedhaniiru.

Yakki kun sadarkaa hammataarra gahuu dura tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa ta'uus dubbataniiru.

Yakkicha hir'isuuf tarsiimoo gargaaru diriirsuun, hordoffii keessoo baankilee cimsuun ragaalee sobaa adda baasuuf teeknolojii barbaaachisu guutuu fi naamusa hojjettoota baankilee fooyyessuuf hojjetamuu akka qabus Dr Yinnaagar himaniiru.

Post a Comment

1 Comments

  1. Gaariidha ittii nuu fufaa hordooffaa Anis qaarshii 7000n dhabee waggaa jabaa,qaamni hin beekamne baankii daldala itoophiyaa irraa sinif bilbilee lakk,hin beekamne nutti himuun wanta esirreessinuutu jira barreessa ok jedha jechuun mallaqaa Koo fudhaatan,yeroon mallaqaa Koo dhabee yerummaa Sana gara baankii daldala Itoophiyaa deemuuf lakk,bilbila dijjiitin Isa sagal ta'eerati galeera,yeroo baankii gara ethio Telecom nu erguu nutti mama kan beeku hin dandeenyu suuran isaa hin jiruu,lakk.bilbilas jijjiruun dijjiitin hir'isuun saamuu nuun jedhan akkaamitti qaarshii Koo dhaadhaa abidda bu'ee ta'e hafe,isiin jedha

    ReplyDelete