Qaalayinsi jireenyaa lammiilee Itoophiyaa akkaan qoraa jiru, yeroo gabaabaa keessatti wayyaa'uu akka hin dandeenye aanga'oonni mootummaa fi ogeeyyiin diinagdee himan.
Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa gabaasa ji'a Bitootessaa baaseen, qaalayinsi gatii ji'a walfakkaataa bara darbee wajjin yoo madaalamu dhibbeentaa 34.7 dabaluu beeksisee ture.
Qaalayinsi gatii kun wantoota nyaataaf oolan kan akka kuduraafi muduraa, miidhaan dheedhii, mi'eessituu fi wantoota akka Zayitaa, dhadhaafi buna irrattis mul'achuu ibsee ture.
Jiraattotni BBC'n amma dura dubbise mindaa ji'atti argataniin jiraachuun akkaan rakkisaa ta'uu himaniiru.
Torbanoota dura pireezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa walgahii hoogganoota naannichaa waliin taasisan irratti dhimma qaalayinsa gatii kaasanii ''ganaa itti fufa. hirmii baafadhaa ganaa itti fufa'' jechuun dubbiin dubbatan miidiyaa hawaasaa gubbaatti dubbii ijoo ta'ee ture.
Gariin mootummaan rakkoo kana furuuf duula gochuuf uummata tasgabeessuu osoo qabuu akkamiin ''hirmii baafadhaa'' jedha jechuun yoo komatanis dhagaahameera.
Waajirri Kominikeeshinii naannichaa haasaa guutuu Obbo Shimallis dhimma kanaan walqabatee dubbatan fuula feesbuukii isaa gubbaatti kan gadhiise yeroo ta'u, pireezidantichi maaliif qaalayinsi gatii akka itti fufa jedhan yeroo ibsan ni dhagaahama.
''Waan sadii yoo goone qofa qaalayinsa gatii to'achuu kan dandeenyu. Tokkoffaan omisha dabaluu. Halkaniifi guyyaa oomisha dabaluurratti hojjechuu qabna... lammaffaan sirna jireenyaa keenya jijjiiruu qabna. Waan nyaannu, akkaataa maallaqa itti qusannuu fi waan kaan dabalatee haalli jireenyaa keenya guutummaatti jijjiiramuu qaba...Sadaffaan ammoo isa baalagatu qonxoxuudha.''
Obbo Shimallis ''qaalayinsa jireenyaa to'achaa jirra jedhee isin sobee bahuun maal godha'' jechuun hirmaattotatti kan himan yeroo ta'u rakkoon kun rakkoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane 'rakkoo addunyaati'' jedhan.
Waraana Yukireeniifi Raashiyaan walqabatee addunyaarratti hanqinni qamadiifi daakuu mudachuu kan dubbatn aang'aan kun ''wanti irratti yaaduu qabnu akkamiin saffisaan omishnee ofii xiqqoo nyaannee kaan gurgurree maallaqa argachuu dandeenya kan jedhuudha'' jechuunis himan.
Ogeeyyiin diinagdee BBC'n dubbise akkuma Obbo Shimallis jedhan qaalayinsi gatii Itoophiyaan keessa jiru yeroo gabaabaa keessatti fala argachuu danda'a jedhanii dubbachuun gowwomsuu ta'aa jedhu. Kaan ammoo mootummaan tarkaanfilee ijoo yoo fudhate dafee wayaa'uu danda'a jedhu. Kunis sababoota ijoo rakkoo kanaa adda baasuu wajjin akka walqabatu dubbatu.
Ofii sababni ijoon qaala'insa gatii Itoophiyaa maali?
Oomishni qonnaa, midhaan dheedhii, kan indaastirii keesaa bahu, kuduraaf muduraan hanga dhibbeentaa 100 dabaleera kan jedhan ogeessi dinagdee Guutuu Teessoo, jireenyi biyya kanaa kan itti hin ulfaanne yoo jiraate dhibbeentaa shan hin caaluu jedhu. ''Isaaniyyuu warra malaammaltummaan durooman, warra daldala keessatti karaa qaxxaaamuraa duramoonii' jechuun rakkoon gama kanaan jiru akkaan hammaachuu himu.
''Gubbaa ministiraa kaasee hanga goda dafqaan bulaatti hanga jiraachuu dadhabanitti gaheera.''
Ogeessi kun naannoleen omishaan beekaman nagaa dhabuuniifi hariiroon biyya alaa Itoophyaa qormaata keessa jraachuun sababaoota ijoo ta'uu dubbatu.
Omishniifi omishtummaan badeera kan jedhan ogeessi kun, kanaaf ammoo nageenyi dhibuun sababa isa kana biraa ta'uu dubbatu.
Kan lammataa hariiroon Itoophiyaan biyyoota gurguddoo addunyaa kan gargaarsa irraa argattu waliin jiru gaarii ta'uu dhabuun deeggarsa hanqisee sharafa biyya alaa dhabsiiseera jedhu.
Dhimma diinagdee Itoophiyaarratti barreessuun kan beekaman Abdulmannaan Mohaammd (PhD) gama isaaniin mootummaan sababoota qaalayinsa diinagdeeti jedhee wanti irra deddeebiin dubbatu sabab ijoo booddeetti kan dhiibe akka ta'e himu.
Akka isaan jedhanitti hanqinni omishaafi daldaltootni karaa qaxxaamuraa duroomuuf jecha omishaa dhuksuun qaalessuun sababa mootummaan irra deddeebiin himu ta'uu ibsanii rakkoo inni guddaan garuu kana mitii jedhu.
''Qaalayinsa gatii amma jiruuf jalqabarratti gaafatamaan mootummaadha. Ministirri Muummee Abiy gara aangootti erga dhufanii maallaqa maxxansuun akkaan dabale. Baankonni maallaqa kana yeroo liqeessan maallaqni gabaa keessatti baayyachaa deema. Diingdeen keenya waraanaafi tasgabbii dhabuu siyaasaan yeroo dadhabetti maallaqni baayyachuun jireenya qaalesse'' jedhu.
Abdulmannaan sababni qaalayinsa gatii kanaa inni guddaan maallaqni maxxanfamee diinagdee biyyattii keessa baayyachuudha jedhu.
''Mootummaan kana amanuu hin barbaadu malee qaalayinsa gatii kanaaf sababni ijoon diinagdee keessa maallaqni baayyateera. Baankonni hedduu liqeessan. Mootummaan baankii biyyaalessaatii hedduu liqeeffateera.''
Jijjiiramni bulchiinsaa Itoophiyaa keessatti yeroo dhufu mara rakkoon diinagdee mudateera kan jedhan Abdulmannaan naanolee omishaan beekamanitti tasgabbii dhabuurraa kan ka'e omishni hanqachuun qaalayinsaaf galtee ta'uu amananii mootummaan garu diinfgdee yeroo qabbanaawu maallaqa diingdee keessa socho'uu xiqqeessuu mannaa ittii dabaluun rakkinicha hammeessee jedhu.
Qaalayinsi jireenyaa Itoophiyaa maaliif yeroo gabaabaatti furmaata hin argatu?
Guutuu Teessoo (PhD) ''haala amma jiru keessatti furmaata hin qabu. Inni kun jala muramee iftoominaan walitti himuutu nurra jira'' jedhu.
''Sirna siyaasaa, sirna hawaasummaafi diinagdee amma jiru keessatti baatii jahaafi sagaluu keessatti waan afuura baafachiisu hojjechuun hin danda'ama jedhanii yaaduun rakkisaadha.''
Sababa waggaa tokkoo gaditti lammiilee qaalayinsa jireenyaan rakkachaa jiran bayyanachiisuun hin danda'amuu jedhanii yaadaniif yeroo ibsan Dr Guutuun ''sababni isaa waan baayyee walxaxaadha jedhan.
Obbo Shimallis Oromiyaa keessatti hanga qamadii waggaatti omishamu miiliyoona tokkoon gahuun barbaachisaa ta'uu yeroo himan, kun Lixa wallaggaa keessatti qofa osoo hojjetamee kan milkaahu ta'uu dubbataniiru.
Dr Guutuun akkuma Obbo Shimallis jedhan biyya kana keessatti omishaafi omishtummaatu badee jedhanii, kun kan ta'e rakkoo siyaasaanii jedhu. ''Akkaataa amma itti qabamaa jiru kanaan innimmo waggaa tokko waggaa lama keessatti waan bakkatti deebi'u miti'' jedhu.
Hariiroon biyyoota gurguddoo homisha isaanii nutti gurguranii kan keenya nurraa bitan gidduu jiru sadarkaa miidhagaarra hin jiru. Hariiroo kanaas bakkatti deebisuun ji'a tokko, jia lama, jia sadiitti bakkatti deebisuun waan danda'amu miti'' jedhu.
Dr Abdulmannaan gama isaaniin mootummaan jabeenya rakkoo kanaa akka ta'utti hubatee ji'a jahaa hanga waggaa tokkoo gidduutti qaalayinsa jireenyaa gara diijitii tokkootti gadi xiqqeessuuf murannoo qabaachuutu irra jraa jedhu.
''Mootummaan qaalayinsa jireenyaa kana gara dhibbeentaa saddeetis sagalaittis gadi fiduuf murannoofi fedha qabaachuutu irra jira. Maddi rakkoo kanaa dhiyeessii wajjin kana walqabate qofa akka ta'etti yaadu taanaan rakkoon kun furmaata hin argatu. Qaalaynsi gatii kan dhufu omishni qamadii xiqqaachuu qofaan miti'' jedhu.
''Mootummaan atattamatti wanti gochuu qabu mootummaan maallaqa baankii biyyaalessaarraa liqeeffatu xiqqeessuudha. Kunimmoo dugda hidhachuu gaafata. Mootummaan piroojektoota barbaachisummaan isaanii gaaffii keessa galu itti adeemuu dhaabuu qaba. Piroojektoota barbaachisooyyuu yeroof hanga furmaatni argamutti tursiiisuu qaba.''
Dhala maallaqa baankilee keessatti qusatamuu dabaluunis fala atattamaa fiduu danda'aa jedhu ogeessi kun. Dandeettii waa bituu birrii Itoophiyaa gadi qabuun omishaalee alaa galan akkaan qaalessaa waan jiruuf inni haa dhaabatuu jedhu.
Mootummaan murteewwan kana nu fudhata yoo ta'e waggaa tokko keessatti bu'aa arguu dandeenyaa jedhu.
0 Comments