Kaansariin seelonni qaama keenya keessa jiran seeraan ala bahanii yeroo wal horan kan uumamudha. Wal hormaanni seeraan alaa kuni ammoo qaama naamaa irratti dhiitoo uuma. Dhiitoon kunis dhawaaatuma guddachaa kan deemudha.
"Kaansariin kuni bakka itti uumame sanatti qaama irratti uumame sana nyaachaa gara qaama kaaniittis babal'achaa deema. Soorata qaama irraas saamaa deema. Adeemsa kanaan babal'atee qaama namaa hubuun adeemsaan lubbuu galaafata," jedhan Ispeeshalistiin yaala dhibee kaansarii Dr. Jiilchaa Dirribii.
Dr. Jiilchaan ammaan dura pirezidaantii Waldaa Hakiimota Oromiyaa kan turan yoo ta'u, amma Ispeeshaalistii Yaala kaansarii fi kaansarii irratti qorannoowwan garagaraas kan gaggeessaa jiranidha.
Hanga ammaattis Gosa Kaansarii Hawaasa Arsii fi Baalee miidhaa jiru irratti yeroo dheeraa fudhachuun qorannoowwan garagaraa afur qorachuun ifoomsaniiru.
Kansariin addatti Hawaasa Godina kana lamaanii miidhaa jiru maali?
Gosti Kaansarii kun Kaansarii ujummoo liqimsituu (Oesophageal Cancer) kan jedhamu yoo ta'u, Itoophiyaa keessatti iddoowwan murtaa'e keessatti kan mul'atudha.
"Akkuma biyyaattuu gosa kaansarii kanaan dhukkubsattoonni baayyeen gara hospitaalaa kan dhufan Godina Arsii fi Baalee keessaayi. Ani waggoota shaniif dhibee kanarratti qo'annoo adeemsisaan ture.
''Iddoowwan akka Shawaa Bahaa, Arsii Lixaa, Buttaajiraa fi Silxeettis hamma godina lamaanii gahuu baatus ni mul'ata," jedhan.
Kaansariin kun maaliif Godina kana lamaanitti baayyate?
Akka Dr. Jiilchaan qorannoo adeemsisaniin mirkaneeffadheera jedhanitti sababni ijoon dhibeen kuni godina kana lamaanitti baayyatuuf sababa gosa soorataa naannichatti nyaatamuun kan walqabatudha.
"Qorannooleen sababoota ijoo kaansarii kana fidu yoo eeru waan lama. Innis alkoolii fi wantoota ho'aa soorachuudha. Naannawa Arsii fi Baaleetti ammoo alkooliin hamma kana hin dhugamu. Sababni ijoon soorata ho'aa soorachuudha," jedhan.
Nyaanni aadaa Arsii fi Baaletti baayinaan sooratamu 'Marqaan'n ammoo sababa ijoo ka'umsa kaansarii kanaa ta'uu isaa kan agarsiisu ragaaleen hedduun argamuus eeru Dr. Jiilchaan.
"Namoonni naannoo kanatti baay'inaan marqaa sooratu. Marqaan ammoo amalumasaatiin hoo'aatu nyaatama. Kun adeemsa keessa gosa kaansarii kana namatti fida. Kanaaf namootni akka furmaata yerootti nyaata qorrisiifatanii nyaachuu qabu," jedhan.
Godina kana lamaanitti miidhaa kaansarii kanaan dhufu hambisuuf furmaanni ijoon garuu aadaa nyaataa naannichaa adeemsaan jijjiiruu akka ta'e eeru.
"Sirna nyaataa naannoo kanaa jijjiiruun barbaachisaadha. Ciree, laaqana, irbaata marqaa nyaachuun kaansarii liqimsituu kanaaf nama saaxila. Hamma danda'ametti marqaa nyaachuu hir'suun gara nyaatawwan biraatti jijjiiruun dirqama," jedhan.
Kaansariin ujummoo liqimsituu kun hangam hamaadha?
Akka Dr. Jiilchaan jedhanitti gosti kaansarii ujummoo liqimsituu kun kaansariiwwan kaan caalaa yaaluuf rakkisaa kan ta'ee fi yeroo gabaabaatti lubbuu kan galaafatudha.
"Amma amma kaansariiwwan yaalaan fayyisuun danda'amaa jira. Kaansariin ujummoo liqimsituu garuu baayyee hamaadha. Takkaa si qabnaan nama fayye arguun baayyee rakkisaaadha."
"Baqaqsanii yaaluu taasisuufillee naannoon ujummoo kanaa baayyee rakkisaadha. Qaamotni ujummichatti dhihoo jiran hedduu murteessoodha.
Lapheen naannoo sana jira, sombi naannoo sana jira, ujummoon dhigaa guddichi 'Awortaa' jedhamu naannoo sana jira. Kanaaf dhibeen kuni si qabnaan dafee gara qaamota kanaa deema," jedhan.
Kanaaf jecha gosti kaansarii kun si'a tokko qabnaan, yeroo dheeraa kan naamaaf hin kenninee fi ji'oota keessatti lubbuu namaa galaafata jedhan.
Mallattooleen kaansarii ujummoo liqimsituu maali?
Kaansarii ujummoo liqimsituu kuni yeroo nama qabu jalqabarratti dhukkubsataan mallattoon inni baay'inaan argu gubaa lapheeti.
Haa ta'uutii namoonni hedduun mallattoon kuni dhibeema sasalphaadha jedhanii waan yaadaniif gara hospitaalaa deemuu caalaatti kiliinikuma deemanii qoricha garaachaafaa yeroo fudhatani akka mul'atu qorannoo isaaniitiin mirkaneeffachuu eeran Dr. Jiilchaan.
"Namni kaansarii kanaan dhukkubsate mallattoo gubaa lapheetiin alatti adeemsaan nyaata liqimsuu dadhaba. Dura nyaata jajjabaa, achii dhangala'aa, boodarra gorora isaatuu liqimsuu dadhaba. Ulfaatinni isaaniis baayyee gadi bu'aa deema," jedhan.
Qorannoo waggoota shaniif kaansarii kanarratti taasisaniin mirkaneeffadheera akka jedhanitti, namootni dhibee kaansarii ujummoo liqimsituu kanaan dhukkubsatan hedduun isaanii yeroo dhukkubichi sadarkaa dhumaarra gahee fi nyaata fudhachuu dadhaban gara hospitaalotaa akka deeman himu.
Dhibeen kaansarii kun baay'inaan namoota umuriinsaanii 50 caale irratti akka mul'atuu fi kunis waggootaaf nyaata ho'aa nyaataniin adeemsaan ujummoon kun miidhamaa waan deemuuf ta'uu eeran.
Akka biyyaatti kaansarii ujummoo liqimsituu kanaan dhukkubsachuun Godinaaleen Arsii, Baalee sadarkaa jalqabaarra kan jiran yoo ta'u akka biyyaatti namoota dhibee kanaan qabaman keessaa ammoo dhibbeentaa 56.5 Oromiyaa irraati.
0 Comments