Header Ads Widget

Dhuguma Yunvarsiitiin Finfinnee Afaan Oromoo barsiisuu dhaabuufii?

Yunvarsiitiin Finfinnee beeksisa guyyoota muraasa dura baase irratti gosa barnootaaa fi afaanii adda addaatiin barattoota idileedhaan simachuudhaaf beeksisa baasee ture.

Gosoota barnootaaf beeksisni irratti bahe saddeet keessaa Afaan Oromoo waan hin eeramneef namoonni karaa miidiyaa hawaasummaatin ijoo marii taasisuun irratti dudubbataa turan.

Yunvarsiitichi Afaan Oromoo maaliif beeksisa kana irraa hambise? Afaan Oromoo barsiisuu dhaabuufii?

Obbo Lataa Fayyisaa Yunvarsiitii Finfinneetti dursaa muummee barnoota Afaan Oromooti. Akka isaan jedhanitti xalayaan Yunvarsiitichi tibbana baase irratti akkaataa itti hubatamedha malee barnoonni Afaan Oromoo hin dhaabbannes, dhaabbachuufis hin jiru jedhan.

"Yunvarsiitiin beeksisa kana kan baase afaanotaa fi gosa barnootaa waggaa tokkoo fi lama barattoota dhabanii turaniif. Afaan Oromoo ammoo barattoota hin dhabne. Kanaaf, beeksisni kun gosoota barnootaa barattoota dhabanii cufamuurra gahan baraaruuf kan bahedha," jedhan.

Beeksisni kunis barattoota idileedhaan Yunvarsiitichatti ramadamaniin alatti baarattoonni yunvarsiitiiwwn birootti ramadaman gosoota barnootaa eeraman kana qofarratti ramadamanii akka baratanii fi yoo barattoonni idileedhaan yunvarsiitichatti ramadaman gosoota barnootaa kana hin filanne kara kanaan muummeewwan kana baraaruf ta'uus himan.

Yunvarsiitiin Finfinnee bara 1999 irraa eegaluudhaan gosa branootaa Afaan Oromoo digirii jalqabaatiin barsiisuu kan jalqabe.

Yeroo ammaaa ammoo digirii lammataa fi sadarkaa PhD'tiinis barsiisurratti argama.

Akka Obbo Lataan jedhanitti, Muummeen Afaan Oromoo akka gosa barnootaa amma beeksisin itti bahee kanatti guututti barattoota sadarkaa dhabuurra gahuu baatus lakkoofsi barattootaa garuu haalan xiqqaataa dhufuu himan.

"Barattoota Waggaa 3ffaa baratan 11 qabna. Waggaa 2ffaa kan baratan ammoo barattoota 17 qabna. Fedhiin keenya barataa 50 hanga 100 isaa oliyyuu barsiisuu humna qabna. Lakkoofsi barattoota Afaan Oromoo baratanii ammatti gahaa miti" jedhan.

Muummeen isaanii beeksisa amma yunvarsiitichi baase kana keessatti Afaan Oromoos dabalamee karaa addaatiin barattoota akka waammmatu gaafannee turre kan jedhan Obbo Lataan, beeksisichi gosoota barnootaa guutuutti barattoota dhaban qofa ilaallata waan jedhameef beeksisicha irratti hin dabalamin hafes jedhan.

Yunvarsiitii Finfinnee muummee Afaan Oromootti barsiisaa kan tahan Dr. Xilahun Taliilaa gama isaanitiin, yaanni Yunvarsiitichi Afaan Oromoo barsiisuu dhaabuufi jedhu dogogoraan kan hubatame ta'ulleen, uummanni waa'ee afaan isaa dammaqinaan hordofee akkasiin faana bu'uun isaa garuu waan dinqisiifatamudha jedhan.

Yunvarsiitichi bara 2011 A.L.I tti Afaan Oromotiin sadarkaa PhD'tti yeroo jalqabaatiif simatee barsiisaa kan jiru yoo ta'u barattoonni jalqabaa kunis bara itti aanu qorannoo isaanii xumuruudhaan ni eebbifamu jedhameetu eegama.

Post a Comment

0 Comments