Header Ads Widget

Barruun The Economist gaazexeessaan isaa Toom Gaardinar Itoophiyaatii ari'atamuu balaaleeffate

Barruun 'The Economist' himannaa gaazexeessaa isaa Itoophiyaatii gabaasu Toom Gaardinarirratti dhihaateefi ari'atamuu isaa balaaleeffate.

Ibsa dhaabbatichi Wiixata har'aa baaseen Toom Gaardinar ''ripportara cimaa naamusa gaazexeessummaa sirna olaanaan hordofuun dalagudha,'' jedheera.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa eeyyama gaazexeessaan barruu kanaa qabu haquu kan beeksise gaafa Jimaata darbee ture.

Sababa kana godheefis yoo ibsu Toom Gaardinar ''naamusa ogummaafi seeraafi qajeelfama biyyattii cabsuun'' himachuuni.

Taatullee badii gaazexeessicha itti himate bal'inaan hin ibsine.

Murteen gaazexeessaa kana ari'uu kan dhagahame yeroo biyyattiin gaazexeessitoota hidhuufi murti malee mana hidhaa tursuun himatamaa jirtuttidha.

Barruun The Economist ibsa baaseen MM Abiy yeroo aangotti dhufan mirga yaadaan ibsachuu akka kabachiisan dubbatan eeruun, mootummaan Itoophiyaa yaada kana dura ibse kabajuu qaba jedhe.

Maaltu jedhame?

Abbaan Taayitaa kuni murtee kanarra gahuu dura gaazexeessicha waliin irra deddeebbiin marii gochuu ibse. Akkasumas akeekkachiisa kennuufi ibse.

Kana dura Gaardinar fuula Tiwiitara isaa gubbaa MM Abiy Ahimadiifi Dura Taa'aan TPLF bilbilaan haasa'aniiru jedhee barreessee ture.

Paarlaamaan Itoophiyaa waggaa darbe dhaaba TPLF galmee shororkeessummaa jala galcheera.

Kana hordofees Abbaan Taayitaa Itoophiyaa akeekkachiisa kenneefi ture. Yeroos mootummaan Itoophiyaa wanti gaazexeessichi barreesse dhugaa miti jechuun deebii kennees ture.

Murteen eeyyama gaazexeessichaa dhorkuu sochii miidiyaa to'achuuf sochii taasifamaa jirudha jedhanii muraasni akka qeeqan taasiseera.

Akka barruun kuni ibsetti erga eeyyami isaa haqamee booda gaazexeessichi biyyaa bahuuf sa'aatii 48 qofa akka qabu itti himame.

''Gabaasi isaa Itoophiyaa irraa, lola naannoo Kaaba Itoophiyaa Tigraay dabalatee, pirofeeshinaala, kan loogii hin qabneefi ija jabinaan dalagame,'' jedhe The Economist ibsa isaa keessatti.

Pireesii Itoophiyaa

Erga waggaa darbe waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabe as mootummaan Itoophiyaa gaazexeesitootaafi morkattoota siyaasaaf haala rakkisaa uumeera jedhamuun qeeqama.

Gaazexeessitoonni himannaa sababa lolaan badiiwwan garagaraa raawwataniiru jedhaman qaamaan dhaqanii gabaasuuf rakkachuu ibsuun komii dhiheessaa jiru.

Dhaabbati mirga gaazexeessitootaaf falmu Committee to Protect Journalists (CPJ) labsii muddamaa jalqaba waggaa kanaa labsame mootummaan gaazexeessitoota hidhuuf itti dhimma baheera jechuun qeeqa.

Eegasii kanneen hidhaman baay'ee gadhiifamanis ammallee kan hin hiikamne ni jiru.

Akka fakkeenyaatti gaazexeessitoonni Oromia News Network Dassuu Duulaafi Biqilaa Amanuu yeroo labsii muddamaa hidhamanis ammallee hidhaa jiraachuun ibsameera.

Gaazexeessitoonni kunneen miseensota ABO kaan waliin guyyoota muraasa dura 'mootummaa fonqolchuf socho'aniiru' jedhamanii himanni irratti banameera.

Waggaa durallee gaazexeessaan New York Times 'gabaasa looge dhiheesse' jedhamuun eeyyamni isaa haqamee biyyaa akka bahu taasifamee ture.

Post a Comment

0 Comments