Header Ads Widget

Barattoota maashinii boba’aa oomishu kalaqan

Barattootni Yunivarsiitii Jimmaa muummee barnoota Makaanikaal Injinariingii maashinii boba’aa oomishu kalaqan.

Maashinni barattoonni waggaa shanaffaa kunneen kalaqan kunis boba’aa oomishuuf lafa boba’aan itti argamu qotuu kan barbaachisu hin se’iinaa.

Pilaastikoota faalama naannoof yaaddoo ta’anii fi qola bunaa fayyadamuudhaan bobaba’aa oomishuu danda’u.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan Makaanikaal Injinariingii, Abrahaa Kahaasaay akka himaniitti, maashinni amma barattoonni kalaqan kun kosiiwan gubachuu danda’an, pilaastikoota sadarkaa addunyaatti faalama naannootiif yaaddessaa ta’aniifi qola bunaa fayyadamuun boba’aa oomishuu danda’u isaa bu’aasaa dachaa taasisa jedhu.

Kalaqni boba’aa oomishu kun akkamiin hojjeta

Maashinni kunis gurmuu barattoota Yunivarsiitii Jimmaa, kanneen muummee barnoota Makaanikaal Injinariingii waggaa shanaffaatiin pirojeektii eebbaasaanii bu’uureffachuun kan kalaqameedha.

Barsiisaa Abrahaan, gorsaan pirojeektii kanaa akka himaniitti, “kalaqni bu’aa bayii hedduu booda barattoonni kunneen hojjetan kun maashina kosii gatamuun naannoo faalan irraa ho’a fayyadamuun boba’aa oomishuu danda’udha.”

Maashinichi kosiidhuma goggogaa naannootti gatamaniifi gubachuu danda’an akkasumas pilaastikootaa akka galteetti fayyadamuun boba’aa oomishuun akka danda’ame Abrahaan ibseera.

“Fakkeenyaaf qola bunaa yoo fudhanne naannoo Jimmaatti baay’inaan argama. Qolli kunis asitti homaafuu oolaa hin turre. Kanaaf akka galtee tokkootti fayyadamuu dandeenya,” jechuun attamiin qola bunaa akka fayyadamu filatan dubbatu.

Kosii gogaan boba’uu danda’u kamuu adeemsa boba’aa oomishuu keessatti akka fayyadan kan dubbatu barsiisaan kun, “hoo’i kosii gogaa bobeessuun maddu, pilaastikoonni akka burkutaa’an (decompose) godhaniif nu gargaara.

‘‘Kun ammoo adeemsa Paayirooliisis (pyrolysis) jedhamuun qabiyyeen boba’aa pilaastikoota keessa jiran bifa gaaziitiin akka ba’aniif gargaara. Kanaaf, gaazii sun ammoo gara dhangala’aatti deebi’uu (condense) gochuun boba’aa oomisha” jechuun ibseera.

Kunis sadarkaa adeemsa yaaliin waan kana mirkaneessuuf godhametti akka milkaa’an duubbata barsiisichi.

Yaaliin kanaanis, boba’aa maashina kanaan oomishame fayyadamuun tiraaktara oofuun akka danda’ame mirkaneesseera, gorsaan pirojeektichaa Abrahaan.

Naannoo faalama irraa qulleessuufi rakkoo cimaa boba’aan biyya keenyarratti fidaa jiru furuu keessatti qooda bakka hin bu’amne qabaata jedhan.

Akka barsiisaan Abrahaa jedhaniitti, qabiyyeen boba’aa sunis maal maaliif akka oolu haalaan qoratamuun waan barbaachisuuf, qaamni dhimmi ilaalu kalaqa kana deeggaruun faayidaa biyyaatiif ooluu akka danda’u gaheesaanii akka bahan dhaameera.

Abeel Dajanee, barataa Muummee barnoota Makaanikaal Injinariingii waggaa shanaffaa fi gurmuu kalaqa kana hojjetan keessaa tokkodha.

Wayita kalaqicha hojjataniitti, hir’inni meeshaalee baayyeen akka isaan mudate kan himan barattoonni maashinicha kalaqan, dhumarratti waan argatanitti hedduu akka gammadan himaniiru.

“Kaayyoon keenya kosiiwwan naannoo faalanirraa boba’aa oomishuudha. Garaa garummaan biyyoota boba’aa qabanii fi hin qabne gidduu jiru bal’aadha. Yeroo ammaa ammoo hanqinni boba’aa hawaas-dinagdee fi siyaasa biyya keenyaa irratti dhiibaa fidaa waan jiruuf, kanuma furuu yaanneetu” jechuun Abeel kaayyoo garee isaa himeera.

Adeemsa kalaqaa kanaanis bu’aa ba’iin hedduun mudachuu kan himu Abeel, “hanqina galtee meeshaaleefi altokko tokko yeroo hojjennu maashinaan hubamuu dabalatee qorumsi gara garaa ture. Ta’us tokkummaafi kunnoon gareen qabnu akka miilkoofnuuf nu gargaareera” jechuun dubbateera.

Barattuu Tsiyoon Baqqalaas miseensa gurmuu maashina boba’aa oomishu kalaqee keessaa tokko yoo taatu, qorumsa hedduu qabaatus, dhumarratti bu’aasaatti garmalee akka gammaddee fi gara fuulduraattis faayidaa biyyaatiif akka oolu gochuuf karoora akka qaban himteetti.

Kalaqa kana dhugoomsuu keessattis, gargaarsa akka barbaadan kan dubbattu Tsiyoon, “akka barsiisaatti qofa osoo hin taane akkuma obboleessaa ta’uun akka dhamaatiin keenya sadarkaa kanarra gahu nu gargaaraniru,” jechuun gorsaa isaanii Abrahaa galateeffateetti.

Qoodaa barsiisaa fi gorsaa isaanii Abrahaa kan galateeffatan barattoonni kunneenis waan argatanitti baay’ee gammaduu fi gara fuulduraatti bal’inaan kalaqicha guddisuun dinagdee biyyaa utubuu akka barbaadan ille ni himu.

Kalaqichis pirojeektii waraqaa eebba barattootaa Yunivarsiitii Jimmaa Muummee Makaanikaal Injinariingii waggaa shanaffaa jaha, dhiiroota afurii fi dubaroota lama ta’aniin gareedhaan kan hojjetame yoo ta’u, sadarkaan amma irra jiru kan dhumaa akka hin taaneefi gara fuulduraatti foyyessuudhaan hojiirra oolchuuf karoora qabaachuu, barattoonni kunneen himaniiru.

Post a Comment

0 Comments