Header Ads Widget

Oromoon Yayyaba Shananiin abuurratee, maaliif wantota shaniin qooda?

 Oromoon wantoota hedduu shanitti qoodee ilaala, uumaa waliinis walqabsiisa. Fakkeenyaaf, Gadaan Oromoo shan, Odaa shan, jaarsoliin dhimma biyyaa ilaalan shanee jaarsaa jedhamu, shanan seera baastotaas jiru – walumaagalatti ‘Yayyaba Shanan Waaqaa’ jechuun falaasama wantoota shanitti hiruutiin beekama, Oromoon.


Uummanni Oromoo maaliif wantoota shanitti qooduu filate? Falaasamni lakkoofsa shan duuba jiru maali? Wantoonni Oromoon shanitti qoodee ilaalu maalfaadha?


Walumaagalatti duudhaan lakkoofsi shan jiruufi jireenya Oromoo keesatti qabu maali? kanneen jedhanirratti yaada hayyootaarraa iyyaafanneefi dubbisnerraa kana qindeessineerra.

Falaasama lakkoofsa shan duuba jiru

Hayyuun Seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damissee Oromoon lakkoofsa shanirratti maaliif hundaa’e, maaliif iddoo guddaa kenneef kan jedhurratti wayita yaada kennan: ”Oromoon beekumsa uumaafi uumama irratti qabu wayita ibsu Waaqayyo dura bishaan walaabuu uume, bishaan kanas bakka lamatti addaan baase. Isaan lamaan oloofi jaloo godhe. Isaan kunneen ammoo bakka shanitti yayyabe jedha,” jedhan.


Obbo Dirribiin itti fufuun, ”Kun yayyaba shanan waaqaa jedhama. Oloo keessa saditu jira, jaloo keessa lamatu jira. Oloo keessa urjii, ji’aafi aduutu jiru. Jaloo keessa ammoo dacheefi bishaantu jira. Kanaaf, yayyabni Waaqaa shani jedhee amana Oromoon,” jedhan.


Oromoon mallattoowwan Yayyaba Waaqaa shanan wayita ibsu uumaafi uumamaan walqabsiisa kan jedhan Obbo Dirribiin, keessattuu akkaataan uumama dhala namaa ammoo iddoo guddaa qaba jedhan.


”Qubi harka namaa shan, qubi miillaas shan, Lubi yookiin gogeessi Gadaa Shan, Odaan seerri tumameefii beekames Shan.”


Kana malees, Oromoon haala waldhibdee kamiyyuu keessatti murtee dhugaa ni kenna jedhee kan itti amanu garee jaarsolii Shanacha jedhamu qaba jedhan Obbo Dirribiin.


”Jaarsoliin kunneen hawaasaafi caasaa Gadaa keessatti kanneen iddoo qabaniifi lakkoofsaan shan kan ta’an yoo ta’u, dubbiin yeroo baayyee isaan bira hin darbu.”


”Yoo dubbiin cimee isaan bira darbe ammoo gara qaama Salgee jedhamuutti dabarsu, garuu yeroo baayyee Shanee jaarsaa bira hin darbu.”


Namoonni kunneen caasaama Gadaa keessa kan filaman yoo ta’u, garuu dirqama abbootii Gadaati jechuu miti jedhan Obbo Dirribiin.

”Sirna Gadaa Oromoo keessatti Jaarsoliin shanan kunneen akka mana murtii waliigalaatti ilaalamu. Namoota amantiirratti, aadaarratti, safuurratti adda duree ta’aniifi amanamoo ta’antu filatamu.”

Hayyuun Antirooppoolooji fi Qorataan Seenaa Oromoo Dr Gammachuu Magarsaa kitaaba isaanii, ”Sacred Knowledge Traditions of the Oromo of the Horn of Africa” jedhu keessatti waa’ee duudhaa lakkoofsa shanii wayita ibsan, ”Oromoon seera uumaafi uumamaarratti hundaa’uun seera ‘Yaayyaa Shanan’ jedhu abuurrate,” jedhan.


Falaasama wantoota shanitti ramaduu (Pentadic Classification), Yaayyaa Shanan jedhamu kanaan Oromoon ijaarsa qe’ee, caasaa hawaasummaa, daangaa bulchiinsaa, Sirna Seeraafi Heeraa, Sirna Siyaasaa akkasumas duudhaa amantii isaa shanitti qoodee gaggeeffata jedhan, Dr Gammachuun kitaaba isaanii keessatti.

Namni bu’uura shanirraa ijaarame’

Akkaataa falaasama Oromoo kanaan namni guutuun tokko uumama Waaqaa biyya lafaarra jiru bakka bu’a kan jedhan Dr Gammaachuun, namni wantoota bu’uuraa shan: gogaa, foon, dhiiga, lafeefi yaada isaarraa kan ijaarameedha jedhan.


Caasaan bu’uura qaama dhala namaa akkuma uumama addunyaa bakka bu’u, Oromoon wayita mana ijaarratus kana ilaalcha keessa galcheeti jedhu Dr Gammachuun kitaaba isaanii keessatti.


”Uummati Oromoo dur dur wayita mana ijaarratu jalqaba bifa geengoo ta’een godha. Achii booda utubaa manaa gidduu dhaabee bakka shanitti kuta. Kunis qaama namaa dhalootarraa hanga du’aatti kan bakka bu’uudha. Gogaa, foon, dhiigaafi lafeen kutaalee shananiin bakka buufamu, utubaan ammoo yaada dhala namaa qajeelchudha.”


Dr Gammachuun seerota Yaayyaa shanan jalatti ibsan keessaa shanan seera-baastotaa Abuduroo (Five Ancestral legislators) isaan tokko.


Akka isaan jedhanitti, namoonni seera ganamaa Oromoo baasan kunneen maqaa Yaayyaa jedhu akka maqaa aangootti kan itti maxxanfamu yoo ta’u, isaanis Yaayyaa Golloo Goboo, Yaayyaa Boruu Biloo, Yaayyaa Mannee Leeqaa Jaarsoo, Yaayyaa Gallee Annoofi Yaayyaa Baabboo Galleessa jedhamu.


Maqaan namoota kunneenii bakkaa bakkatti garaagara ta’uu mala kan jedhan Dr Gammachuun, garuu seerota namoonni kunneen baasantu karaa hayyuutiin dhalootarraa dhalootatti darbaa yoona ga’e jedhan.


Akka Oromoon dhugeeffatutti Yaayyaa Golloo Goboo Seera Golaafi Seera Gosaa (seera keessoo Oromoo fi Seera Ollaa waliin), Yaayyaa Boruu Biloo Seera Rakoo, Yaayyaa Mannee Leeqaa Jaarsoo Seeraa Duulaafi Seera Adamoo, Yaayyaa Gallee Annoo Seera Horaa, Seera Horii fi Seera Marraa Bisaanii, Yaayyaa Baabboo Galleessa Seera Dhawaa-Dhibaayyuu baasaniiru.


Seerota kunneentu walitti qindaa’anii seera biyyaa ta’anii, heera Oromoon ittiin qajeelee jiruufi jireenyasaa gaggeeffatee akka sabaatti jiraatuuf bu’uura ta’e jedhan Dr Gammachuun kitaaba isaanii keessatti.


Gama kaaniin, mootummaan Itoophiyaa maqaa ‘Shanee’ jedhu moggaasee ofumaasaa shororkeessaa jedhee farrajuun dhibdee siyaasaa mariin hiikuurra ittuu hammeessuu kan agarsiisu ta’uu kan ibse Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), jechi ‘Shanee’ jedhu Gadaa Oromoo keessatti duudhaa kabajaa qabaachuu hime.


”Jechi ‘Shanee’ jedhu Sirna Gadaa keessatti kabaja guddaa kan qabuudha. Jiruufi jireenya Oromoo keessatti duudhaa kabaja qabuudha. Jecha kana fuudhanii shororkeessummaatti farrajuun aadaafi duudhaa sabichaa gadi buusuudha.”


Mootummaan garuu garee Shanee jedhee waamu shororkeessummaan farrajuusaa malee, ‘Shanee’ Sirna Gadaa keessatti duudhaa kabajaa qabu xiqqeessuusaa wanti akeeke hin jiru.

Post a Comment

0 Comments