Header Ads Widget

Maareen Jaldeessaa baadiyaarraa gara magaalotaatti dhufaa jira - WHO

 Dhibeen [Maaree Jaldeessaa] jedhamu vaayirasii monkeypox irraa dhufu tibba kana biyyoota addunyaa gara garaa keessatti mul'achaa jiru magaalaawwan keessatti mul'achaa jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa (WHO) beeksise.

Dhibeen kun kanaan dura bakkawwan bosona heddummaataniifi Afrikaa keessatti ballinaan mulata ture, amma garuu bakkawwan biro afrikaan alattis mul'acha ajira.

WHOtti Barreessituun Dhibee Maaree (smallpox) Dr Rosamund Lewis, Naajeeriyaa, Rippabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Rippabilika Afrikaafi Kaameruun dabalatee waggoota dhiyoo asitti biyyoonni baayyeen Maareen Jaldeessaa akka biyya isaaniitti mul'ate gabaasaa jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas biyyoota kanneen waliin hojjechaa jira jetti ogeettiin dhaabbatichaa kun.

Ogeessonni WHO dhimmi dhukkuba kanaaa isaan ilaallatu gaaffiiwwan uummata irraa dhiyaataafiif jiruuf deebii kennaa jiru.

Kun osoo kanaan jiruu, Pirezidantiin US Joo Baayidan weerara Maaree Jaldeessaa biyyoota gara garaati mula'te kana qolachuudhaaf talaallii Maaree (smallpox) gahaa qabna jedhan.

Vaayirasiin Maree (smallpox) fi Maaren Jaldeessaa (monkeypox) lamaanuu wal fakkeenya waan qabaniif talaalliin kan vaayirasii Maaree (smallox)f kennamu dhibee ammaa kana ni ittisa jedhameera.

Baayidan of eeggannoo barbaachisu akka taasifamu gaafataniiru, garuu qophiin dhibee kana qolachuuf taasifamu akka yeroo weerara koronaavaayirasii sana guutummaa addunyaa irratti muddama fide sana miti jedhan.

US keessatti namni Maaree Jaldeessaatiin qabame sadaffaan ibsamuu horodfee gaheen gabaa dhaabbileen talaalliifi qoricha omishan akka SIGA Technologies fi GeoVax Labs %7 irraa gara %40tti takkaatti guddateera.

Maareen Jaldeessaa kun maalidhaa?

Dhukkubni kun kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhaurraati.

Vaayirasii dhibee Maaree/Maaritee (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhiyaata.

Vaayirasiin Maareen Jaldeessaa kun Maaree waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamutti saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uun alatti dhukkubbiin isaa cimaa miti.

Dhibeen Maaree Jaldeessaa kun kanaan dura baadiyaa Giddu-galeessaafi Lixa Afrikaa keessatti baayyinaan mul'ata ture. Keessattuu ammoo bakka bosonawwan gurguddaan (rainforest) itti argamanitti mudata.

Vaayirasiin kun gosa lama kan qabu yoo ta'u, tokkoffaan kan Giddu-galeessa Afrikaa yoo ta'u; lamaffaan ammoo kan kan Afirikaa Lixaa kan jedhamudha.

Namoonni lamaan UK keessatti dhibeen kun irratti argame Naajeeriyaa irraa warra deemanidha jedhameera. Kanaaf, vaayirasiin isaan irratti argame kun carraa vaayirasii Afrikaa Lixaa inni ta'uu malu bal'aadha jecuudha.

Vaayirasiin kun dhukkiba cimaatiif kan saaxilu miti.

Namoota vaayirasiin kun irratti mul'achuun mirkanaa'e waliin namoonni walitti dhufeenya qabaatanis hin hubatamne.

Namoonni kanaan dura gara biyya kamiittiyyu hin imaliin warra dhukkubsatan keessatti ni argamu.

Namoonni dhibaman kunneen erga vaayirsichi UK keessa tatamsa'een booda kan qabaman ta'u jedhamee tilmaamama.

Mallattoowwan isaa maalfaadha?

Namoonni Maaree Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkibbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhiddhiita'uufi wanta kamirrattiyyu fedhii dhbuutu irratti mul'ata.

Gubaan qaamaa yeroo irraa hiru ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee hirreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa.

Hooksisaan mudatu ammoo baayyisee kan nama dhukkubuufi sadarkaa gara garaa kan qabudha.

Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaa'uufi mala'ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa hambiseellee darbuu danda'a.

Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta'u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata.

Dhukkubichi akkamiin nama qabataa?

Namoonni dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhufanii waltuttuquun jiraate carraan saaxilamuun ni jiraata.

Karaa gogaa keenya banaa ta'een, karaa ijaan, karaa funyaaniin ykn karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama dhala namaatti ni seena.

Wal tutuquu yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis vaayirasiin kun ni daddarba.

Jaldeessota, antuutawwan ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan vaayirasichi gara namaatti ni darba.

Vaayirasiin kun karaa uffataanis ykn uccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis ni daddarba.

Post a Comment

0 Comments