Leenjisaan Liiverpuul Yargan Kiloop bara kana waancaa afur injifachuuf dorgommii goonu keessatti dhiibbaan nurra hin jiru jedhan.
Liiverpuul waancaa lama kan injifatan yoo tahu, Shaampiyoonsi Liigiidhaan xumuraf gahaniiru. Taphni Riyaal Maadirid waliin Paaristti gaggeessan haalaan kan eegamu tahee aduu torban tokkoo qofatu hafe.
Liiverpuul qabxii 14'n caalamuu irraati gara qabxii tokkootti xiqqeessuun waancaaf falmii keessa kan jiran.
Maanchister Siitiin taphata xumuraa isaa Aston Viilaa kan taphata duraanii Liiverpuul jaalatamummaa guddaa qabu Istiifen Jeerardiin leenji'u waliin taphata.
Gareen Kiloop ammoo Wolvis waliin taphata. Nuuf, tapha gaariidha, tapga addaati,'' jedhan.
Kilooppi Jeerardi taphicha cimsee qaba jedheen amana jedhanii ture.
Liiverpuul dorgommii 'FA Cup' Sanbata darbe gaggeesseen Cheelsii mo'achuun waancaa fudhateera.
Anfiildi irratti erga Wolvis waliin taphatanii Liiverpuul tapha Sgaampiyonsi Liigii Ritaal Maadirid waliin qabaniif qophaa'u.
Gareen Peep Gaardiyoolaa bara 2021-2022 keessa yeroo dheeraaf waancaa Piriimer Liigiif dursaa waan turaniif homaa taphattootni koo dhiphataa hin jiran jedhe.
Garee kaaniif waa'ee dhiibbaa keessa galuu haasa'uu hin danda'u, garuu nuuf akkasidha, dhiibbaan homaatii hin jiru,'' jedhan.
''Waan dhabdu tokko osoo jiraate sitti dhagahama garuu amma waan qabannee dhabnu hin jiru.''
"Taphicha mo'achuu akka qabnu beekna, sanamoo yeroodhaaf gochaa jirra.''
Yoo hin taane kan jennu hin qabnu, Siitiin yoo akkas jedha tahe hin beeku.''
Kilooppi tapha hafte mo'annee sana booda maal akka tahu ilaalla jedhe.
Taphootni Piriimer Liigii Igilizii xumuraa boru sa'a wal fakkataatti gaggeeffamu.
Barnilee fi Liidis Yuunaayitis keessaa kamtu gara shaampiyoonshipiitti gadi bu'a kan jedhu bor barama. Everteen tapha Kiristaal Paalaas waliin taphatan mo'achuun kufaatii irraa ooleera.
0 Comments