Dhibeen 'Monkeypox' ykn Maariyyee jaldeessaa jedhamu biyyoota Awurooppaa heddu, Ameerikaa, Kanaadaa, Awustraaliyaafi UKtti argamuu qondaaltonni fayyaafi miidiyaaleen biyyoota kanaa beeksisan.
Tibbana namoonni dhibee kanaan qabaman haaraan biyyoota Firaans, Xaaliyaan, Siwiidiiniifi Awustiraaliyaatti argamaniiru. Dhibichan namoonni qabaman Ameerikaa, Ispeeniifi Poorchugalitti Roobii darbe argamuu hordofee kan mul'ate yoo ta'u, Kanaadaattis namoonni 13 dhibee kanaan qabamuun shakkaman qoratamaniiru.
Dhibeen 'Monkeypox' walakkeessaafi Dhiha Afrikaattii irra deddeebiin mul'achuun beekama.
Namoonni bakka biraarraa naannichatti imaluu waliin walqabatee dhibeen kun iddoowwan birootti mul'achaa jira. Dhibeen baaayyee baratamaa hin taane 'Monkeypox' jedhamu kun vaayirasiin kan daddarbu yoo ta'u, yeroo hedduu namoonni torbanota muraasa keessatti dhibicha irraa kan bayyanatan ta'uu Tajaajilli Fayyaa Biyyoleessaa UK beeksiseera.
Vaayirasichi nama tokkorraa kan biraatti akka salphaatti kan hin darbineefi hawaasa bal'aa walgahuuf carraan qabu xiqqaadha.
Namni dhibichaan qabame yeroo jalqabaatiif UK keessatti kan argame Caamsaa 7, 2022 ture. Dhukkubsatan kun dhiyeenyatti gara Naayijeeriyaatti imalee kan ture yoo ta'u, otoo gara UKtti hin imaliin dura vaayirasichaan qabame jedhe akka amanu Ejensiin Wabii Fayyaa UK beeksiseera.
UK keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman sagal guutaniiru. Vaayirasichi maddii isaa eessa akka dhufe waanti mirkanaa'e hin jiru garuu, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa achuma UK keessatti daddarbuu hin oolle jedhe.
Awustiraaliyaan namni tokko vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo ta'u, namtichi dhiyeenya gara Awurooppaatti imaleerra erga deebi'ee dhukkubsate.
Haaluma walfakkaatuun Siwidiinitti namni tokko vaayirasichaan qabamuun Kamisa darbe kana gabaafameera. Itiliitti namni tokko vaayirasichaan kan qabame yoo argamu Firaansitti namni vaayirasichaan qabamuun shakkamu tokko argameera.
Qondaaltonni Siwidiin namni vaayirasichaan qabame ku akkamitti akka qabame akka hin beekne himan taatullee namni Itiliitti vaayirasii kanaan qabame dhiyeenya odola Kaanarii jedhamtu deebi'e jedhameera.
Poorchugaalitti namoonni shan vaayirasichaan qabamuun Roobii darbe kan gabaafame yoo ta'u, Ipeen keessattillee namoonni torba vaayirasii kanaan qabamaniiru. Talaalliin dhibee kana ittisuu kennamu Awurooppaa jiraachuu baatullee, Ispeen talaallii dhibee Maariyyee(smallpox)kumaatamatti lakkaa'amuu gaazixaan biyyattii 'El PaÃs' jedhamu gabaasera.
Dhibeen Monkeypox jedhamu gartuu vaayiraasii Maariyyee waliin walfakkaata.
0 Comments