Header Ads Widget

Lammeechaa Girmaa dorgommii fiigichaa Ostraavaan rekoordii galmeesse

Atileetiin Itoophiyaa Lammeechaa Girmaa dorgommii fiigicha gufachiisaa meetira 3,000'n tokkoffaa bahuun rekordii biyyoolessaa haaraa galmeesseera.

Lammeechaan dorgommii Kibxata galgala Cheek Rippablik magaalaa Ostraavaatti gaggeeffameen, dorgommii kana daqiiqaa 7 fi sekondii 58.68 taheen xumure.

Kanaanis atileetiin umurii ganna 21 kun rekordii biyyaalessaa haarayaa yoo galmeessu, guufachiisa meetira 3000'n addunyaarraa atileetii yeroo kamuu jedhamuun sadarkaa 12ffaarra taaheera.

Dorgommii Ostrava Golden Spike 2022 jedhamu kanaan, Lammeechaatti aanee atileetiin Itoophiyaa biraa Haayilamaariyaam Tagany lammaffaa yoo bahu, lammiin Itaalii Ahimad Abdalwaahad sadaffaa bahuun xumuran.

Atileet Lammeechaa Girmaa Olimpikii Tookiyootti lammaffaa bahuun, Olompikii Moskoo bara 1980 atileet Isheetuu Turaadhaan maaldaan argamee as waggoota 41 booda karaa dhiirotaan meedaaliyaa argamsiiseera.

Atileet Lammeechaa dabalatee atileetonni kaanis amma xiyyeeffannoon isaanii itti aanu dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Oregonitti gaggeeffamu yoo tahu, morkiin cimaa akka taasifamus ni eegama.

Lammeechaa Girmaa eenyudha?

Dhaloonni isaa Godina Arsiidha. Jalqaba Kilaba Atileetiksii Xirunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti 1500m leenji'uuf seene. Haa ta'u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji'e gaarii ta'a jedhanii yaadan.

Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji'uu eegale. Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha. Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe. Atileetonni inni yeroos waliin dorgome keessaa har'a dorgommii xumuraa irratti kan waliin fiigu, El BakkaliSoufiane, ni jira. Ergasii booda ture Lammeechaan Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa bara 2019 Doha dorgomame irratti seenaa kan dalage.

Atileetii Keeniyaa Conseslus Kipruto Olompikii Riyoo irratti fageenyichaan warqii argate waliin walfalmee lammaffaa bahe. Walitti siqanii xumuruu isaaniirraa kan ka'e deeggarsa meeshaan ture abbaan moo'e kan barame. Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti argattedha. Kanaanis bara 2019 Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa irraa badhaasa 'Atileetii dargaggoo waggaa kanaa' jedhamu badhaafame. Karoora isaa yeroosi Atileetiksii Addunyaatti yoo himuus ''Olompikii irratti warqii biyya koof fiduudha,'' jedhe. Olimpiikii Tookiyoo irratti medaaliyaa meetii argamsiisuu danda'eera.

Post a Comment

0 Comments